Araara: Eenyu wajjin? Akkamitti?

Published Jan. 26, 2024, 10:43 p.m. by Birhaanuu Hundee

1243



 

Dhugaa ta’uu ykn olola fi burjaajii ta’uu beekuu baadhus, mariin araaraa marsaa sadaffaa ABO/WBO fi mootummaa PP jidduutti godhamuuf jira waan jedhu dhagaheen ture. Rakkoon tokko karaa nagaatiin mariidhaan hiikkamuu ykn furmaata argachuu kan danda’u yoo ta’e kun waan gaarii dha. Akka waliigalaatti wan jajjabeeffamuu qabu dhas. Haa ta’u malee, asirratti gaafiilee gurguddoo lama: PP wajjin mariin araaraa ni milkaayaa? fi Gaafiin uummata/saba Oromoo kan araaraan deebii argatuu dhaa? kan jedhan laaluun barbaachisaa waan ta’eef, asirratti yaadan qabu ibsuuf barreeffama gabaabaa kana dhiheessa.

PP wajjin mariin araaraa ni milkaayaa?

Duraan dursee wanti hubatamuu qabu, lolli har’a ABO/WBO fi mootummaa PP jidduutti deemaa jiru lola ykn qabsoo warra haqa fi bilisummaa barbaadanii fi warra immoo faallaa kanaa ta’an kan sirna gabrummaa Impaayara Itoophiyaa ittifufsiisuu barbaadanii dha. Gabaabaadhumatti, burjaajii uumuuf Oromoo fi Oromootu wal lolaa jira haa jedhamu malee sirnatu wal lolaa jira. Sirnoota gonkumaa walitti araaramuu hin dandeenyee dha yoo jedhame dhara hin ta’u. Kuni akkuma jirutti dhugaa waliigalaa ta’ee, gara gaafii ka’eetti deebi’uudhaaf, PP wajjin mariin araaraa akka hin milkoofne; mariin waliigalteedhaan osoo xumurameeyyuu hojiitti hiikamuu akka hin dandeenye sababaalee fi/ykn ragaalee hedduu dhiheessuun ni danda’ama.

Mee fakkeenya tokko haa fudhannu. Dhimmi TPLF fi mootummaa PP jiddutti rakkoo uume kan ABO/WBO fi PP jiddutti uumu wajjin walbira qabamee yoo laalame, kan warra Tigraayi baay’ee salphaa dha. Kan Oromoo hedduu walxaxaa fi ulfaataa dha (complex and complicated). Mariin araaraa TPLF fi mootummaa PP jiddutti Pritooriyaatti godhame waliigalteedhaan xumuramus (waliigalteen suniyyuu maala akka ta’e ani sirriitti hin beeku), dhugumatti waliigalteen sun hojiirra waan oole hin fakkaatu. Fakkeenyaaf, lafti qaama Tigraayi jedhamu fi ammallee qabamee jiru sun waan gara naannoo kanaatti deebi’e hin fakkaatu. Karaa biraatiin yoo laalame immoo, uummatni Tigraayi har’allee marii araaraa sana booda waan nagaa fi tasgabbii argate hin fakkaatu. Kallattiidhaan lola (waraana) keessa jiraachuu baatullee, uummatni kun nagaa fi tasgabbii waan qabu hin fakkaatu. Rakkoolee adda addaatiin ammallee miidhamaa fi dararamaa jira. Bu’aan marii araaraa fi waliigaltee sanaa maaliree?

Kan keenyaatti deebi’uudhaaf, tokkoffaa mariin araaraa haa odeeffamu malee waanuma milkaayuu hin fakkaatu. Waan ABO/WBOn gaafatu ykn akka haaldureetti dhiheessu, PPn hin fudhatu. Haalduree ABO/WBO fudhachuu jechuun isaaniif suuta suutallee yoo ta’e dachee Oromiyaarraa dhabamuuf deemu. OPDOn seenaa taatee hafuuf demti jechuu dha. Lammaffaa, osoodhuma waliigaltee tokkorra gahaniiyyuu, akkuma Tigraayi keessatti ta’aa jiru, Oromiyaa keessattis nagaa fi tasgabbiin uumamuu hin danda’an. Fedhiilee adda addaatu jiru. Dhabamuun wan isaan sodaachisuuf, OPDO/PPn waliigalee godhamu hojiirra oolchuu hin barbaaddu, hin dandeessus. Kun sirriitti hubatamuu qaba. Uummatni Oromoo akka nagaa argatu fi afuura galfatu nagaa buusuun hawwii keenya hundaa ti. Garuu kun lafarratti hin milkaayu. Dararamni uummata keenyaa bifa adda addaatiin ittuma fufa. Hadhooftus dhugaa tana liqimsuun barbaachisaa dha. Kanaafuu, gaafii armaan olitti ka’eef deebii gabaabaa kennuuf, akka laalcha kiyyaatti, PP wajjin mariin araaraa ni milkaaya jedhee hin amanu.

Gaafiin uummata/saba Oromoo kan araaraan deebii argatuu dhaa?

Gaafii kanaaf deebii quubsaa ta’e argachuuf xiinxala bal’aa barbaadullee, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, kunis waan danda’amu natti hin fakkaatu. “Namni tokko hattuu meeshaa isaa jalaa hate wajjin meeshaa hatame sana barbaadee hin argatu” akkuma jedhamu PPn ykn sirni isaan hojjetaniif (sirni Impaayaraa) bilisummaa fi abbaa biyyummaa Oromoo waan hataniif, isaan kana wajjin waan hatame sana barbaadanii argachuun hin danda’amu jechuu dha. Duraanuu, gaggeessitoota sirna Impaayaraa, kan Oromoorraa bilisummaa fi abbaabiyyummaa qawweedhaan humnaan fudhatan irraa karaa nagaatiin, kadhaadhaan waan dhabame sana deebifachuun waan yaadamuu miti, waan danda’amus miti. Gaafiidhuma Oromoo sanaayyuu PPn waan amantee fudhattu natti hin fakkaatu. Rakkoo tokkoof furmaata argachuuf, dura rakkoo sana beekuu fi amanuullee feesisa (To find a solution, one should first know and recognise the problem). Dhugaan kun PP biratti hin fudhatamu. Kanaafuu, gabaadhumatti, gaaffin uummata/saba Oromoo karaa nagaatiin deebii argachuu waan danda’u natti hin fakkaatu. PPn ykn mootummaan PP marii nagaa fi araaraa jedhanii burjaajii kan uuman, uummata yaadaan garamaleetti dabsuu (attention diversion) fi burjaajii kana keessa immoo yeroo bitachuuf malee marii araaraa wanti jedhamu waan jiraatu natti hin fakkaatu; jiraatuu fi waliigalamullee (maalirratti waliigalamee??) hojiirra ooluu akka hin dandeenye hubachuun barbaachisaa dha. Dhimmi kun salphaa osoo ta’ee, mariin marsaa lamaaf godhameeyyuu silaa bu’aa tokko ni fida ture.

Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) galii barbaadamu akka gahu fi gaafiin uummata keenyaa deebii akka argatu; bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabne deebifnee akka argannu qabsoo hadhooftuu tana ittifufuu fi ABO/WBO wajjin hiriiruu qofaatu fala fi mala ta’a. Humna qawweedhaan si cabse qawweedhumaan injifattu malee waan barbaadde hin argattu. Kanaafuu, uummatni keenya burjaajii PP fi deeggartootni isaanii uumaniin afaanfaajja’uu hin qabu. Ajanadaa PPn isaaf uumtus/uumtes fudhatee isa kanarratti humna, qabeenya, beekumsa fi dandeettii isaa balleessuu hin qabu. Kana godhuurra ABO/WBO wajjin hiriiree karaa danda’amu hundaan bifuma kamiinuu qabsoo hadhooftuu tana keessatti gahee taphachuu ykn/fi qooda gumaachuu qaba. Araara eenyu wajjin?Akkamitti? jedhanii ofis ta’ee walgaafachuun barbaachisaa dha. Qabsoon haqaa ni turti malee ni injifatti. Injifannoo xumuraa kana uummata Oromoo akka ta’u shakkiin hin jiru. Garuu qabsoo hadhooftuun jabina qofaa osoo hin taane obsas ni gaafatti. Obsa qabaachuun mataan isaatuu qabsoo dha.

Dhumarratti, waan tokko jechuun barbaada. Akkuma tasaatuu ta’ee karaa mariitiin furmaata argachuun kan barbaadamu ykn yaalamu yoo ta’e, dura humna ofii (humna ABO/WBO) cimaa fi abdachiisaa ta’e uumuu fi karaa kanaan diina jilbiiffachiisanii yoo barbaachisaa ta’e mariitti fidanii haalduree akka fudhatu taasisuu ykn humnaan injifatanii biyya ofii harkatti galfachuu qofaa dha. Gaafa humni ofii jabaa fi abdachiisaan jiraate, Addunyaanillee nama kabajji; gurraa fi ija namaaf kenniti; dhimma namaa hubatti. Jabaan fira hin dhabu; laafaan fira hin qabu!!!!!       

 

Amajii 26, bara 2024   


Similar posts:

Ekeraa Minilik haasofsiisuu calqabanii?

DHALOOTA JIILE

AMALOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOO MIIDHAN

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni