Bulchiinsi Naannoo Tigraayi Murtee Bordii Filannoo Biyyoolessaa Morme.

Published Sept. 13, 2025, 10:38 a.m. by FNN Staff

838



       ODUU FNN

Prezidaantiin Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa, murtee Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa (NEBE) dhaaba Siyaasaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) akka haqamuuf  murteesse “fudhatamu hin qabu” jechuun balaaleffatee, dhimmichi qoqqobbii birokraasiin osoo hin taane  furmaata siyaasaa  qofaan furamas jechuun akeekachiisuun baramae.

Akka yaada Prezidantichaatti, TPLF paartii idilee miti, haqeera  jechuu hin dandeessu, sunumtuu dhimma baay'ee cimaa fi bu’aa ba'iinsaa ifa ta’e barbaada” jechuun hadheeffatanii akka morman maddeen himanii jiru.Paartichi hayyoota Tigraay, akkasumallee miseensonni mormitootaa waliin walitti dhufeenya akka qaban hubachiisuun, jaarmiyaan dhaaba TPLF dhaaba seenaa qabeessa waan ta’eef haqamuun isaa fudhatama hin qabu jedhan.

Kana malees waldhabdeen boordii filannoo Biyyaalessaa fi TPLF gidduu jiru “rakkoo guddaa” akka ta’e ibsee, kuni immoo  marii qofaan furmaata argachuu akka danda’u ibsuu maddeen achii nuuf ifoomsanii jiru.
 Akkasumas, dhaabichi ragaa boordii filannoo Biyyaalessaa irratti “ balaa fidu mala” jedhame murteen  fudhatamee ture, mariin qofti furmaata bu’a qabeessa fiduu akka danada’uu akeelanii jiru.


Similar posts:

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan

Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame

ODUU TORBAN KANAA.