Lammileen Chaayinaa dhaabbata qorannoo NASA keessa akka hin hojanne dhorkaman
Published Sept. 12, 2025, 9:06 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
lammiilee Chaayinaa viizaa Ameerikaa qaban dhaabbata qorannoo NASA tokko keessa akka hin hojjanne dhorkuu beeksise.
Lammiileen Chaayinaa akka kontiraaktaraa fi barattootaatti qorannoo keessatti gumaaacha qaban Fulbaana 5/2025 irraa kaasuun tajaajila dhaabbatichi kennu hunda akka hin arganne dhoorgamuu Biluumbarg beeysise.
Dhaabbatichi gabaasa sana booda lammiileen Chaayinaa tajaajila NASAtti akka hin gargaaramne, meeshaalee fi neetiworkii dhaabbatichaatti akka hin gargaaramne dhoorgamuu mirkaneesse.
Chaayinaan sagantaa aburraa hawaa isii cimsuun Ameerikaa yaaddessuun, biyyoota diinagdee guddaan qaban lamaan kana jidduutti dorgommii cimseera.
Astirooneetoonni Chaayinaa dhaabbata qorannoo hawaa addunyaa (ISS) irraa kanaan dura dhoorgamanii turan.
Kunis, sababa Waashingiteen NASA’n odeeffannoo Chaayinaaf akka hin qoodne uggureef ta’uun
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan