Dararri Mootummaa PPtiin Uumatarra Ga’aa jiru Hammaachuun Barame.

Published Sept. 12, 2025, 8:46 a.m. by FNN Staff

466



ODUU FNN

Godina Baha Shaggar ona Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti humni mootummaa PP  manneen uummataa ibiddaan gubanii barbadeessuun barame.

 

Godinaalee Oromiyaa mara keessatti dararrii fi saamichi sirna Kanaan ummatarra ga’aa jiru hammaachaa jiraachuun kan beekkamuudha.

 

Kananiis walqabatee godina baha Shaggar ona Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti jiraataa gandichaa kan ta’an Obbo Nuuraa Badhaasoo mana jireenya isaa qabeenya guutuu waliin ibiddaan barbadeessuu maddeen nuuf ibsanii jiru.

 

Akka maddeen ibsanitti Obbo Nuuraan nama jireenya isaa gaggeeffatuu fi hawaasa keessatti jaallatamummaa qabu malee, badii qabeenya isaaf mana isaa dhabsiisu dalagee qabu miti jedhan.

 

Maqaa WBO deeggartu jedhuu itti maxxansuun, Oromummaa isaa qofaan yakkamee gochaan gara jabummaa irratti taasifamuu ibsuun, gochi akkasii kunis humnoota Mootummaa PPtiin Uummata Oromoo dararaa, ajjeessaa,hidhaa fi qabeenya isaa saamaa kan jiru ta’uu maddeen achii nuuf himanii jiru.

 


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan