Miidhaa Shororkeessitoota Faannotiin Uummata Wallaggaarra Ga'aa Jiru.
Published Sept. 11, 2025, 10:03 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Abee Dongorootti Dararri finxaaleyyii Faannootiin Uumatarra Ga’aa Jiru Hammaachuu Jiraattonni Dubbatan.
Wanti nurratti ta’aa jiru seenaa Harka Muraa fi Harma muraatu irra deebiin nurratti raawwatamaa jiraa jedhan jiraattonni maddeen dubbisan.
Humnoonni kun daangaa darbanii dhufuun, qabeenya keenya erga saamanii booda, kaan ajjeesuun, kaan ammoo qaama irraa muruun nu dararaa jiruu jedhan.
Humnoota finxaaleyyii kanaan wanti nurraatti hin raawwatamne hin jiru jechuun, qaamni sagalee nuuf ta’ee nurraa ittise haga yoonaa hin jiru jedhan.
Uummata harka qullaatu qe'ee isaatti dararaa argaa jira kan jedhan jiraattonni, humnoota finxaaleyyii kana akka ofirraa ittisuuf meeshaallee ofharkaa hin qabnuu jedhan.
Mootummaan WBO deeggartu jedhee uummata irraa meeshaa hiike kan jedhan jiraattonni, milishoota mootummaa naannawaa sana jiran irraa immoo gareewwan hidhatanii bosona jiran garaagaraa meeshaa hiikkachuun gidduu kanatti harka qullaa hafnee dhumaatiif saaxilamnee jedhan jiraattonni.
Gochaan kun yeroodh gara yerootti nutti dabalaa jira, qaamni mootummaa yoo itti iyyannes nurraa callisa jedhan.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan