Neeppaalitti Diddaan Uummataa Mootummaa Aangorraa Fonqolche.

Published Sept. 10, 2025, 2:28 p.m. by FNN Staff

564



ODUU FNN

Neppaal keessatti mormii malaammaltummaa fi uggurri miidiyaa hawaasaa irratti kaa’ame hordofee, qondaalota qabeenya biyyaa saamuun durooman irratti mormii hamaan qunnamuun kan beekkamuudha.

 

Kanaanis torbanoota darban kana dargaggeeyyiin biyyattii gara marsaalee hawaasaatiin duula farra malaammaltummaa geggeessaa turan.duula isa qunname kana dhaabsisuuf mootummaniis dallanuun marsaalee hawaasa ijoo ta'an kan akka facebook, instagram, youtube, twitter (X) kkf uggure.

 

Uummanni gama marsaalee hawaasaatiin duula taasisaa turan hiriira mormiiitiif daanditti ba’uu hordofees humnoonni nageenya biyyattii eddoo hedduu keessatti ummata sagalee dhageechifatanirratti  dhukaasa banuun yoo xiqqaate guyya tokko keessatti namoonni hedduun ajjeeffamaniiru.

 

Sochiin kunis cimee itti fufuun turtii sa’aa 40 hin guunne keessatti mootummaa abbaa irree aangorraa fonqolchuun, maasaraa mootumma dabalatee waajjiraalee hedduu of harka galchuun baramee jira.

 

Akka maddeen beeksisanitti yeroo ammaa kana, Erga mootummaan bifa kanaan kufee booda Itaamajor Shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa, Uummata tasgabbbeessun, marii taasisaa jiraachuu fi  haala mootummaa yeroo ( intrim government) itti ijaaraan irratti walii galaa jiraachuun baramee jira.

 

Sochiin kunis erga sochii Mootii Gyanendra aangoo irraa buusuuf bara 2006 godhame booda isa olaanaadha jedhame.

 

 

 

 

 

 

 

 

 


Similar posts:

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame

Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa guddaa kan kafalan obbo Waldayohaannis Hundee du'aan addunyaa kana irraa boqotan.

Jilli Tiraamp sodaa basaasaa irraa kan ka’e Chaayinaa gadhiisuu isaa dura bilbilootaa fi kennaa barbadeessuun ibsame.

Sanyiin Vaayirasii Iboolaa Haaraa Talaallii Hin Qabne RDC Keessatti Tatamsa'aa Jiraachuun barame.