Dhaabbanni Chaayinaa teeknoolojii hordoffii fi gulaalliif oolu, gara Itiyoophiyaa ergaa turuun barame.
Published Sept. 10, 2025, 4:35 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Dhaabbanni Chaayinaa teeknooloojii saansura interneetiif hojiirra oolan gara Itiyoophiyaatti ergamaa turuu ragaaleen ba'an saaxilan.
Kana malees biyyoota kanneen akka Miinmaar, Paakistaanii fi Kaazaakistaanitti ergaa akka turan ragaaleen miliqanii ba'an ni agarsiisa.
Akka Ragaaleen miliqanii baafaman kun ibsutti gara kuma dhibba tokkoo ta’uu kan himame yoo ta’u, dhaabbanni Chaayinaa Giij Neetworkis jedhamu, meeshaalee teeknooloojii saansura ragaa interneetiin tamsa’an gulaalee to’atu mootummoota akka Mootummaa Itiyoophiyaa, Kan Miiyiinmaar, Paakistaanii fi kan Kaazaakistaanitti gurguruu isaa Gaazexaan Kaanaadaa Ze Giloobe ende Meeyil (The Globe and Mail) gabaaseera.
Dhaabbanni Chaayinaa kun qaama sagantaa hordoffiiwwan qabiyyee interneetii Chaayinaan baafatte jedhamu “Great Firewall” ta’uus ibsameera.
Ragaaleen Kuma dhibba tokkoo ol ta’an kan miliqanii bahan kun, dhaabbanni teeknoolojii Chaayinaa Giij mootummoolee biyyoota gabaasa kana keessatti eeramaniif meeshaalee namoonni maal akka karaa interneetii ilaalan hordofuuf oolu, kan qabiyyeewwan interneetiin tamsa’an ittiin gulaalanis dhiyeesseefii jira jedhame.
Dhaabbanni kun Itiyoophiyaa keessatti dhaabbilee tajaajila Interneetii dhiyeessan kanneen akka Safaarikoom waliin calallii odeeffannoo kan mootummaan kallattii isaa kenne hojiirra oolchuuf akka hojjete The Globe and Mail gabaasa isaa keessatti eeree jira.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan