Kora Mooskoon booda Yukireeniifi US mariif Filooriidaatti walga'uufi.

Published Dec. 4, 2025, 2:13 p.m. by FNN Staff

306



ODUU FNN

Ergamaan addaa US Istiiv Witkoof dursaa mana-maree nageennaa biyyaalessaa Yukireen Rusteem Umeroov waliin Kamisa har’aa Maayaamiitti walga’uuf akka jiran Waayit Haawus mirkneesseera. 

Walga'iin ammaa kun erga Wiitkoof Kiibxata pireezidaantii Raashiyaa waliin Mooksootti sa'aatii shan dabarseen booda yoo ta'u, marii sana Kireemiliin waraana Yukireen keessa deemaa jiru dhaabuudhaaf "waan buuse" hin qabu jette. 

Pireezidaantiin US Doonaald Tiraamp akka jedhetti, mariin soddaa isaa Jaared Kushne hirmaachise kun "hanga tokko gaarii ture" garuu maaltu akka ta'erratti dubbachuuf ammallee yeroon hin genne. 

Ministirri dhimma alaa Yukireen Andirii Siibiihaa Raashiyaan "dhiiga dhangalaasuu dhaabuu" qabdi, jechuun Puutin "yeroo addunyaa jalaa gubaa jira" jechuun himateera. 

Witkoof fi Jaared Puutin dhugaatti onnee isaarraa waraana dhaabuuf fedhii qaba jedhamanii amanuu kan jedhu kan gaafataman Donaald Tiraamp, "(Puutin) waraana kana dhaabuu ni barbaada. Isaan kana kan hubatan."


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan