Oduu Oromiyaa fi Addunyaa
Published Dec. 3, 2025, 4:31 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti waraanni Mootummaa namoota 3 irratti ajjeechaa s raawwachuun dhaga'ame
Godina Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Maallimaa Barii keessatti Sadaasa 27,2025 waraanni Mootumma pp kan naasuu ilmaan namaaf hin qabne gara jabeenya hamaan namoota nagaa sadii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa maddeeniif ifoomsanii jiru.
Namoonni waraana PPn gara jabinaa hamaan ajjeefaman kunneen abbaa maatii tokkoo fi dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii Obbo Bobbaa Daadhii abbaa maatii 3 dargaggoo Sisaay Habtaamuu fi Qachaa Shaaqaa kanneen jedhaman ta'uun barameera.
Haaloo qaama isaan loluu uummata nagaatti bahuu kan aadeffatan hidhattoonni murna mootummaa Bilxiginnaa reeffi namoota kanneenii tokko tokkoon isaanii iddoo kudhanii ol rukutamanii kan ajjeefaman yoo ta'u, jiraataan gandichaa tokk maddeeniitti himee jira.
Akka jiraataan gandichaa taatee hamaa namoota nagaa irratti raawwatame kana ibsuutti namoonni ajjeechaan sukkanneessaan irratti raawwatame kun kanneen hirmaannaa dhaaba siyaasaa kamuu keessatti hin argamnee ta'uu kaasuun, waraanni mootummaa pp guutummaa jiraattota gandichaatiin nuun argaa keenya hin jaallattan, WBO'f immoo kan qabdanii mitii kan hin gabnee barbaaddanii kennituuf iechuun uummata harka duwwaa dararaa jiraachuu dubbtan.
//////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////
KFO’n akka hin haqamneef qofa filannoo baranaa irratti Finfinneetti akka hirmaatu beeksise
Koreen Giddu Galeessaa Kongirasii Federalawaa Oromoo (KFO) labsiin filannoo “paartiin marsaa lamaaf walitti aansee filannoo biyyoolessaa yookaan filannoo naannoo irratti hin hirmaanne galmee seerummaa irraa ni haqama” waan jedhuuf qofa, magaalaa guddoo Finfinneefi naannolee biroo haalli nageenyaa filannoo mijataa ta’etti hirmaachuun itti fufinsa paarticha eeguf murteessuu ifoomse.
Dura Taa’aan KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa yaada kaleessa Addis Standardif kennaniin, galmeen kaadhimamtootaa kaleessa waan xumuramuuf dirqama seeraa ba’achuuf qofa kaadhimamtoota 10 qofa galchuu ibsan.
Dur bara barri gaarii ture (2005) kaadhimatoota 400 ol galmeessuu qofa osoo hintaane teessoo paarlaamaa 42 injifannee turre,” kan jedhan Pirofeesar Mararaan, “dhumni galmee kaadhimamtootaa har’a waan ta’eef maqaa namoota 10 ergine” jedhan.
Ibsa paartichi kaleessa baasen, filannoo marsaa 6ffaa sababa “al-dimokraasummaa bal’aafi faallaa heera mootummaatiin gaggeeffame” jedheen irratti hirmaachuu dhabuu hordofee marsaa kana yoo hirmaachuu baate waan haqamuuf hirmaachuf murteessuu eere.
///////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa meeshaalee yaala - fayyaa Birrii miiliyoona 200 ol dhaabbilee fayyaa hawaasaaf arjoome
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa qorichawwan fi meeshaalee yaala fayyaa birii miiliyoona 200tti tilmaamaman dhabbilee fayyaa hawaasaaf arjoomuu Ministeerri Fayyaa harra beeksiseera.
Akka Ministeerichi ibsetti, Pireezidaantiin Mana maree Islaamummaa Ityoophiyaa (EIASC) Sheek Haaji Ibraahim Tufaa deeggarsa kana Deetaa Ministiraa Ministeera Fayyaa Frehiwot Abbabaatti kennaniiru.
Firehiwot, dhaabbileen amantii ''damee fayyaaf michoota barbaachisoo'' jechuun ibsuun, dhaabbileen fayyaa tajaajila hawaasaa kennan ''qorichaa fi meeshaaleen arjoomaman kaayyoo yaadameef ooluu akka mirkaneessan” gaafataniiru.
Ministeerichi deeggarsi kun kan dhaabbata tola ooltummaa Musilimaa Eeyid Ameerikaa (Aid America) irraa karaa Barreessaa Olaanaa Waajjira Pirezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ustaaz Abubakar Ahimadargame ta’uu ibseera.
Gargaarsa kanarraas kan fayyadamoo ta’an, Hospitaala Yuunivarsitii Arsii, Hospitaala Walii Galaa Paawii, Hospitaala Walii Galaa Alamganaa, Hospitaala Sadarkaa Duraa Mahaal Ambaa, fi Buufata Fayyaa Waakeyoo ta’uun ibsameera. Bakka bu’oonni dhaabbilee kanaaf meeshaalee issaaniif kennaman kana fudhatanii jrian.
Kanaan duras Caamsa 29, 2025, Manni Marichaa, gargaarsa meeshaalee yaala fayyaa birrii miiliyoona 800tti timaamamu hospiataalota mootummaa shaniif kennuun isaa ni yaadatama. Wayita sanas gargaarsa kana kan dhiyeesse dhaabbata gargaarsaa Yuunaayitid Isteetsitti argamu Oorfaan in niid Ameerikaa (Orphan in need America) kan Ustaaz Abubakar Ahimadiin durfamu akka tures ibsameera.
//////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa “paartileen ragaa kaadhimamaa duraa qofa dhiyeessan” jedhe; sirni galmee haga diriirfamutti yeroo galmee kaadhimamtootaas dheeresse
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsa baaseen, paartileen siyaasaa haga ammaatti odeeffannoowwan kaadhimamtootaa sadarkaa duraa dhiyeessan jechuun ibsee, ammas yeroo odeeffannoo kaadhimamtootaa dhiyeessan akka dheeratuuf akkaataa gaafatameen dheeressuu ifoomse. Kunis akkaataa marii Sadaasa 29, 2025 irratti kaafameen ta’uullee boordichi dabalee ibse.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, paartileen siyaasaa kaadhimamtoota dorgommiif dhiyeeffatan karaa diijitaalaa akka galmeessisan kallattii kennuunsaa ni yaadatama.
Yaadachiisi boordichaa, paartileen kun gucawwan galmee kana dafanii akka buufatanii guutuun sanaan booda karaa bakka bu’aa isaanii waajjira Boordii Filannoo Biyyaalessaatii qabanuun Sadaasa 17 haga Mudde 02tti akka qaamaan galchan kaa’a.
Murtee kana hordofuudhaan Paartiin Koongirasii Federaalistii Oromoo kaleessa ibsa baaseen, murtee galmee irraa haqamuu itti dhufurraa of oolchuudhaaf kaadhimamtoota kudhan qofaa dhiyeessuun galmeessisuu ibse.
//////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////
Bajanni mootummaa federaalaarraa naannoo Tigraayiif ergamu ji'oota lamaaf hin gadhiifamne jechuun Hoggantuun Komishinii Karooraa naannichaa Aadde Haansaa Taklaay dubbatan.
Kun kan dhagahame mootummaa federaalaa fi qaamni seerummaa kan dhorkatame Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) gidduutti muddamni siyaasaa ji'oota darbaniif ture gara walitti bu'iinsaatti geessa jedhamee yeroo sodaatamaa jirutti.
Boba'aan gara naannichaa seenus gahaa waan hin taanef sochii waliigalaa namootaa irratti rakkoon uumame jechuun aangawoonni naannichaa maddeen dubbisetti himan.
Bajata adda cite keessaa bajanni kaappitaalaa birrii miliyoonni 844 ta'u akka ta'e hoggantuun komishinii karootaa himan. Kana malees bajanni bifa deeggarsaa mootummaa federaalaarraa kennamu akkasumas waraana Tigraay booda maallaqni ji'a ji'aan kaffalamu keessatti argama.
Waliigalatti naannoo Tigraayiif bajatni waggaa bara 2018 Birrii biliyoona 18.8 ji'oota 12f qoodamee ji'a ji'aan kan ergamu yoo ta'u garuu maallaqni kun ji'a Onkololeessaa kaasee dhaabbachuu hoggantuun tun ibsan.
Dhaabbachuu bajata gara Tigraay ergamu kanarratti mootummaan federaalaa irraa ibsi kenname hin jiru.
Kun kanaan osoo jiruu akkaataa fooyya'iinsa mindaa haaraatiin ji'a Fulbaanaa keessa birriin mliyoonni 481 gara naannichaa kan ergame ta''ullee garaagarummaa guddaan waan tureef daballiin mindaa hojjettootaf hin kaffalamne jedhan aadde Haansaan.
////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////
Dhalattootni Somaaliyaa biyya Ameerikaa keessa akka jiraatan hin fedhu biyya isaaniitti Akka deebi’aniin barbaada" Tiraamp
Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetis kibxata kaleessaa godaantota Somaaliyaa Yuunaayitid Isteetis keessa jiran akka hin barbaanne ibsuun “dhalattoonni biyya baha Afrikaa waraanaan miidhamte kanaa garmalee tajaajila hawaasummaa US irratti hirkatanii waan jiraniif Ameerikaaf bu’aan isaan kennaa jiran waan xiqqaadha” jechuun qeeqan.
Tiraampi hawaasa godaantotaa hundaaf tuffiidhaan ibsuun isaanii fakkeenya yeroo dhiyootti diyaaspooraa Somaalee Ameerikaa keessa jiran irratti akeekkachiisanii qeequu isaaniiti.
Dhalattoonni Somaaliyaa bara 1990’mmoota irraa eegalee haala baqattoottummaan gara Minesootaa fi kutaalee Yuunaayitid Isteetis biroo dhufaa turan.
Pireezidaanti Tiraampi yaada isaanii keessatti Somaalota lammummaa US qabanii fi hin qabne adda hin baasne.
Yaadni Tiraampi erga bulchiinsi isaanii murtee himata koolu galtummaa irratti kennu dhaabuu isaa murteessuu hordofeeti. Bulchiinsi isaanii murtee kana kan dabarse guyyoota muraasa dura shakkamaan dhalooteen Afgaanistaanirraa ta’e loltoota Eegdota Biyyaalessaa lama Waashingitanitti rasaasaan rukutuu hordofeeti.
////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////////
Hogganaan NATO "Raashiyaan waraana yeroo dheeraa turuuf qophaa'aa jirti"Jedhan
Haasaa baninsaa walga'ii ministirota dhimma alaa NATO irratti Raashiyaan "obsa keenya qoruu itti fufteetti". "Balaa qabatamaafi yeroo dheeraa turutu nu mudachuuf jira," jedhe hogganaan NATO Maark Ruutteen.
Raashiyaan jeettiiwwaniifi diroonotasheetiin daangaa isaa [NATO] cabsiteetti, balaa geessifteetti, akkasumas gara qaama bishaan isaatti dooniiwwan basaasaas ergiteetti jechuun dubbate Ruutteen.
Gochawwan akkasii kunneen, "maal nadhibdeen kan ta'eefi hamoodha," jedhe.
Raashiyaan hawaasa booressuufi toora ittiin bulmaata addunyaa addaan cicciruuf Chaayinaa, Kooriyaa Kaabaa fi Iraan" waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jirti, kan jedhe dursaan NATO kun "waraana yeroo dheeraafis qophaa'aa jirti" jechuun dubbate.
Biyyoonni NATO "baasii humna invastimantii humna ittisaa keenyarratti gachaa jirru daballeerra garuu hundi keenya hangam akka geenyu of madaaluus qabna," jedhe Ruutteen.
Waqtiin gannaa dhufaa jira haleellaan raashiyaa ammoo itti fufeera, "Yukreen yeroo kamirrayyu caalaa gargaarsa keenya barbaaddi"jedhan.
Mariin ministiroota dhimma alaa NATO jalqabameera. Marii nagaa deemaa jiru, akksumas dhimmoota ittisaarratti ni mariyatu jedhamee eegama.
Similar posts:
Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.
Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.
Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.