Komishinii Bulchiinsa Yaaddoo Balaa Itiyoophiyaa Tigraay buufata Hitsaatsitti 'gargaarsi addaan hin cinne jedhe.

Published Dec. 25, 2025, 1:21 p.m. by FNN Staff

432



ODUU FNN

Komishiniin Bulchiinsa Yaaddoo Balaa Itoophiyaa gargaarsi lammilee buufata Hitsaats keessa dahatanii jiraniif dhiyaatu addaan hin cinne jedheera. 

Komishinichi ibsa Roobiii Muddee 24/2025 baaseen mootummaan buqqaatoota buufata kana keessa dahatanii jiraniif "dursa kennee xiyyeeffannoon gargagaarsa namoomaafi nyaata dhiyeessaa " jira jedhe. 

Guyyoota darban keessa miidiyaalee hawaasaa gara garaan buufata buqqaatonni keessa dahatan Hitsaast jedhamu keessatti namoota argaman kessaa kanneen umuriin isaanii deeme beelaan miidhamuun isaanii kan ibsame yoo ta'u, suuraawwan jaarrolee qaamni isaanii miidhameefi huqqatan baay'inaan qoodamaa tureera. 

Buqqaatonni buufaticha keessa jiran  namoonni kuma kudhanii ol keessa qubatan kana keessatti jaarsoliin, dubartoonni ufaafi daa'imma hedduun nyaataafi waldhaansa fayyaa dhabuun rakkataa jiraachuu dubbatan. 

Kana hordofee namoonni gara garaa maallaqa walitti qabuun midhaan nyaataa qabatanii gara sana deemuu isaanii miidiyaaleen hawaasaa gabaasaniiru. 

Komishiniin Bulchiinsa Yaaddoo Balaa Itiyoophiyaa garuu buufata buqaatonni keessa dahatan Hitsaats jedhamu kana keessa lammiileen jiran deeggarsi namoomaa akka isaan hin dhaqqabne odeeffanoon ibsu "dogongoraafi haala waliigalaa buufata kana keessa jiru kan hin ibsine," ta'uu ibseera.


Similar posts:

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan

Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame

ODUU TORBAN KANAA.