Yaman godaantota Itiyoophiyaa 180 ta'an karaa seeraan alaatiin qarqara galaanaa Shabuwaa seenuu beeysifte.

Published Dec. 23, 2025, 3:16 p.m. by FNN Staff

181



ODUU FNN

Lakkoofsi godaantota seeraan ala gara Yaman seenan yero gara yerootti dabalaa jiraachuu Ministeerri Biyya Keessaa Yaman beeysisera. 

kanaanis godaantonni Itiyoophiyaa 180 kibba baha biyyattii qarqara galaanaa Shabuwa seenuu ibse. 

Ministeerichi ibsa dilbata kaleessa baaseen, poolisiin naannoo galaana Shabwaatti  godaantota lammiilee Itiyoophiyaa 180 kan  bidiruu kontirobaandii lammiilee Somaaliyaa afuriin durfamuun gaanfa Afrikaa irraa fe’aman qarqaraa galanaa shabawaa gahu ibsera. 

Qaamoleen nageennaa naannoo Shabwaa imala godaantotaa to’achuufi seensa seeraan alaa ittisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhataa akka jiran ibsichi eerera. 

Akka ragaan dhiheenya kan Dhaabbanni Godaantota addunyaa baase agarsiisutti baatii Sadaasa keessa godaantonni kuma 17fi 659 Yaman seenuuf akkasumas   baatii Onkoloolessa keessallee godaantonni kuma 17 fi 685  yaman galuu hubbachiseera. 

Akka Dhaabbanni hordoffii Godaantota Idil-addunyaa (IOM) ifoomsetti  godaantonni kunneen dhibbeentaan  67  Jabuutii irraa kan dhufan yoo ta’u Somaaliyaa irra dhibbeentaa 31, Omaan irraa ammoo dhibbeentaa 2 kan ta’an buqqaa’anii biyyatti seenuu ibseera. 

Yaman keessatti haalli nageennaafi rakkoon namoomaa hammaataa dhufus, godaantota Afrikaa kumaatamaan lakkaa’aman gara biyyoota Galoo Galaanaatti ce’uuf yaalaniif karaa qaxxaamuraa guddaa taatee tajaajiluu itti fuftee jirti. 

Hedduun isaanii harka kontirobaandistootaatiin rakkina hamaafi gidiraafi saaxilamaa jiraachuu Shinuwaan gabaseera.


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.