Erga Godinni Boorana Bahaa jedhamu hundeeffamee asi daangaan naannoo Oromiyaa gama Liibanii naannoo Somaaleetiin saamama jira jedhame.
Published Dec. 23, 2025, 3:08 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godinni Boorana Bahaa jedhamuu erga hundeeffamee asi daangaan Oromiyaa gama Liibanii cabuun lafti naannoo Oromiyaa hedduun naannoo Somaalee jala galaa jiraachuu himame.
Erga Godinni Boorana Bahaa jedhamu hundeeffamee asi daangaan naannoo Oromiyaa gama Liibanii naannoo Somaaleetiin saamama jira jedhame.
Godinni Boorana Bahaa jedhamu daangaa kabachiisuuf kan hundaa'e ta'us erga godinichi hundaa'ee asi adaala sanatti lafti naannoo Oromiyaa hedduun isaa naannoo Somaaleetiin saamamaa jiraachuu maddeen Dhugaa Miidiyaaf ibsaniiru.
Akka maddeen kun ibsanitti haalli amma adaala sani jiru akka kanaan yoo itti fufe waggaa tokkoo fi lama keessatti magaalaa #Nageelle naannoo Somaalee jala galuun isii waan hin oolle akka ta'eedha kan ibsame.
Akkasumas adaala sanitti rakkoon nageennaa tokko tokko akka jiruudha kan himame. Keessumattuu aanaa Liibanii iddoo addaa Dhugoo jedhamuufi Gumii Eldalloo ganda Ijaaruutti rakkoon nageennaa akka muldhachaa jiru maddrrn ibsaniiru.
Uummanni adaalaa sanaa ammoo waraanni akka irraa dhaabbatuuf dhaamsa isaanii dabarsaniiru.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan