Bulchiinsi Tiraampi Itoophiyaatti Ambaasaaddara U.S dabalatee kan biyyoota Afriikaa 15 gara Waashiingtanitti ofirra deebisanii waaman

Published Dec. 23, 2025, 2:51 p.m. by FNN Staff

196



ODUU FNN

Tiraampi biyyoota Afriikaa 15tti Ambaasaaddaroota Yuunaayitid Isteetis gara Ameerikaatti ofirra deebisanii waamani. Ambaasaaddaroota Ameerikaa waamamanii  ofirra deebifaman keessa Itoophiyaatti Ambaasaddara Ameerikaa, Kan Jibuutii fi Somaaliyaa kan jiran yoo ta’an, murteen kunis bakka bu’umsa diiploomaasii kan Yuunaayitid Isteetis kan lafaa qajeelchu jedhameera. 

Akka maddeen diiploomaatotaa eeranitti, murteen kun Ambaasaaddaroota Yuunaatid Isteetis kan biyyoottan Afriikaa hedduu kan haammatuudha. Isaanis Kaaba Afriikaa keessaa Masiriifi Aljeeriyaa ka dabalatu yoo ta’u, biyyoottan giddu galeessa, kibba, bahaafi lixa ardichaa keessatti kan hojii diiploomasii gaggeessan Ambaasaaddarootni Ameerikaa qaama murtee kanaati jedhame. Haga yoonaattis murtee kanaaf waanti ibsi kenname hin jiru. 

Gaanfa Afriikaatti murteen kun Ambaasaaddaroota Yuunaayitid Isteetis kan Somaaliyaa, Itoophiyaafi Jibuutii ka tuqe yoo tahu, bakkeewwan kunis iddoowwan murteessoo Yuunaayitid Isteetis gama Humna Waraanaa, sarara yabala dooniifi hojii farra shororkeessummaa keessatti raawwattuudha. 

Gama biyyoottan Baha Afriikaan murteen kun Ambaasaaddaroota Yuunaayitid Isteetis kan Ugaandaa, Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa yoo tuqu, Lixa Afriikaarraa, Naayijeeriyaa, Senegaal, Niijeerfi Cootdivowaar dabalateera. Murteen kun giddu galeessa Afriikaarraa, Afriikaa Giddu Galeessaa, Kaameeruunfi Koongoo yoo tuqu, Kibba Afriikaarraa ammoo Zaambiyaan ishee tokko ta’uus ibsameera. 

Murteen kun wayita muudamni Ambaasaaddarummaa Yuunaayitid ISteetis nami keessaa dhabamaa jirutti kan mudates jedhameera. Kunis dhiibbaa Yuunaayitid Isteetis gama addunyaa irratti qabdu kan gaaffii keessa galchudhas jedhameera.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan