Sudaan meeshaalee waraanaa barbaacha Raashiyaaf buufata doonii waraanaa laachuf waliigaltee waggaa 25 dhiyeessite
Published Dec. 2, 2025, 12:09 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Mootummaan Sudaan, Afrikaa keessatti buufata doonii waraanaa isaa isa jalqabaa Raashiyaa kan taasisu biyyichaaf laachuuf waliigaltee waggaa 25 dhiyeessuu fi jijjiirraa kanaan meeshaalee waraanaa haaraa gaafachuu “The Wall Street Journal” gabaase.
Waliigalteerra yoo ga’ame, Raashiyaaf faayidaa tarsiimawaa akka kennu kan himame buufanni doonii waraanaa kun, Ameerikaa akka Raashiyaafi Chaayinaan buufataalee doonii Afrikaa irraa fagaatan barbaadduf oduu gaarii akka hintaane ibsame.
Waliigalteen Sudaan aanga’oota Raashiyaaf Onkololeessa keessa dhiyeessite jedhame kun Raashiyaaf mirga loltoota haga 300 qubachiisufi dooniwwan waraanaa haga afurii Buufata Doonii Sudaan yookan iddoo biraatii kennuufif yaada dhiyeessun eerame.
Jijjiirraa kanaan, Sudaan meeshaalee waraanaa ammayyaa qilleensarraa Raashiyaafi kanneen biroo gatii madaalawaan fudhachuun walwaraansa biyya keessaa garee finciltootaa biyya keessan ishee muudachaa jiru qolachuu akka barbaaddu ibsame.
Sudaan meeshaa waraanaa haaraa akka barbaaddu kan ibsan aanga’onni Sudaan, waliigaltee kana Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa akka hin jaalanne himan.
Similar posts:
ODUU TAATEE TORBAN KANA KEESSAA.
Kaaba Itoophiyaatti duumessi waraanaa yeroo 2ffaa duumessaa'ee jira jedhan
Walitti bu'iinsi yeroo ammaa naannoo Amaaraas ta'ee Itoophiyaa guutuutti mul'atu hoggansi kan kennamuu fi loojistiksiin kan dhiyaatu Maqalee fi Asmaraarraa ta'uu ummanni keenya beekuu qaba jedhe Biiroon bulchiinsa naannoo Amaaraa.
UN muddama Itoophiyaa naannoo Tigraayitti muudate irratti ibsa kenne