Obbo Taayyee Danda'aarratti himanni haaraan sadi banamuun dhaga'ame.
Published Dec. 2, 2025, 1:09 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Deetaan Ministeera duraanii fi miseensi Caffee oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa, mirgi himatamuu dhabuusaanii Caffeedhaan osoo irraa hin ka'in himatawwan haaraan sadi irratti banamuun sirrii miti jechuun morman.
Aangorraa erga kaafamanii booda hidhamuun himatawwan garagaraa irratti banamee kan ture Obbo Taayyeen, himatawwan sadi torbee tokko dura irratti banaman ilaalchisee mormii himataa dhiyeeffachuusaanii abukaatoonsaanii maddeeniif himan.
Dhimmi Obbo Taayyee, Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa kan jiru yemmuu ta'u, dhaddacha har'aatiinis dhimma mirga wabii ilaalchisee Obbo Taayyee/abukaatoosaaniifi Abbaa Alangaa gidduutti falmiin taasifameera.
Himatawwan haaraa Obbo Taayyeerratti saaqaman sadeen ilaalchisees yaadawwan mormii himataa 4 dhiyeeffachuusaanii abukaatoonsaanii Obbo Abarraa Nigus maddeeniif himanii jiru.
Mormiiwwan himataa dhiyeessan keessaa inni tokkos mirga himatamuu dhabuu maamilasaaniin kan walqabatu akka ta'e dubbatan.
"Mormiin himataa dhiyeessine 'Obbo Taayyeen miseensa Caffee Oromiyaati. Heera federaalaanis ta'e Oromiyaatiin miseensa Caffee yookiin miseensa mana maree tokkorratti himata dhiyeessuuf yookiin shakkiidhaan to'achuuf mirgi himatamuu dhabuu ka'uu qaba" jedhan.
Haaluma kaanan Obbo Taayyeen bara 2016 keessa wayita himanni irratti banamutti mirgi himatamuu dhabuusaanii Caffeedhaan irraa kaafamee akka ture himan.
Himata amma irratti banameerratti garuu Caffeen hin mari'anne, adeemsi mirga himatamuu dhabuu kaasuus hin raawwatamne" jedhan.
Maamilli isaanii ammallee miseensa Caffee Oromiyaa waan ta'aniif mirga himatamuu dhabuusaanii Caffee Oromiyaatiin osoo hin kaasisin himanni irratti dhiyaachuun sirrii akka hintaanes Obbo Abarraan maddeeniif himanii jiru.
Himanni amma irratti dhiyaate haasa'a isaanii bara 2017 keessa 'Horn Conversation' irratti tamsa'eni. Abbaan Alangaa himata osoo hindhiyeessin dura 'himata hundeessuuf ragaa gahaa arganneerra' jedhee mirgi himatamuu dhabuu Obbo Taayyee akka ka'uuf barreeffamaan Caffee oromiyaa beeksisuu qaba. Kuni hin raawwatamne" jedhan.
Kanaafis himatichi kufaa taasifamuu akka qabu dubbatan.
Gama biraatiin Obbo Taayyeen kanaan dura "qabiyyeefi keewwata walfakkaataan" himatamanii bilisa jedhamaniiru kan jedhan Obbo Abarraan, "yaada ijoo, qabiyyeefi keewwata walfakkaataa eeruun dararaa biraa uumuun sirrii miti jechuun mormii himataa dhiyeessineerra" jedhan.
Mormiin himataa dhiyeessan Abbaa Alanqaa qaqqabuusaa himuunis, Abbaan Alangaas mormii himataa dhiyaaterratti deebii akka laatuuf Mudde 8, 2018'tti beellamni qabamuu himaniiru.
Similar posts:
ODUU TAATEE TORBAN KANA KEESSAA.
Kaaba Itoophiyaatti duumessi waraanaa yeroo 2ffaa duumessaa'ee jira jedhan
Walitti bu'iinsi yeroo ammaa naannoo Amaaraas ta'ee Itoophiyaa guutuutti mul'atu hoggansi kan kennamuu fi loojistiksiin kan dhiyaatu Maqalee fi Asmaraarraa ta'uu ummanni keenya beekuu qaba jedhe Biiroon bulchiinsa naannoo Amaaraa.
UN muddama Itoophiyaa naannoo Tigraayitti muudate irratti ibsa kenne