Kaaba Salaaleetti haala nageenyaatiin wal qabatee manneen barnootaa hedduun manca’uun barattoonni bakka itti baratan dhabanii rakkoof saaxilamuu jiraattonni dubbatan.
Published Dec. 2, 2025, 2:15 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Kaaba Salaaleetti haala nageenyaatiin wal qabatee manneen barnootaa hedduun manca’uun barattoonni bakka itti baratan dhabanii rakkoof saaxilamuu jiraattonni dubbatan.
Kaaba Salaalee A/Warra Jaarsoo ,Bu/Ma/Hoosee fi aanota biroo dabalatee rakkoo nageenyatiin manneen barnootaa hedduun erga manca’ee woggoota kan lakkoofsiseefi haalli baruu fi barsiisuu adda kan cite yoo ta’u, as dhiyootti hawwaasni naannoo maallaqa walitti buusuun manneen barnoota haga tokko suphuuf akka yaalaan jiraattooni nin dubbatu. Kun ammas ga’aa waan hin taaneef barattoonni waan irra taa’anii baratan dhabuun ammallee rakkoo hamtuu keessa akka jiran jiraattooni ni dubbatu.
Manni Barumsaa iddoo dhaloonnii abdii boruu ta’ee fi furtuu rakkoo biyyaa fi hawaasaa itti oomishamuudha malee dirree waaraanaa biti, godinni salaalee garuu manneen barnootaa hedduun manca’uun, kan hafanis buufa waraanaa ta’ee jedhan.
Dhaloonni as keessatti oomishamu kun haal dureewwan barnootaa barbaachisu hunda guuttachuudhan lammiin dhaloota boruuf dorgomaa ta’e as keessatti oomishama. Kana yeroo jennu lammiin kun yaad-rimee barnootaa sadarkaa oduu qofatti osoo taane kan saayinsii fi teknoloojiin badhaadhee ta’ee, rakkoo fi gadadoo sabaatiif karaa ariitii fi kalaqa qabuun furmaata waaraa laatu oomishuudha jedhan jiraattonni. Itti dabaluuniis, Kana Dhugoomsuuf manni kitaabaa fi manni yaalii meeshaalee isaaf barbaachisan guuttatee haala mijjataa fi dhaqabamaa ta’uudhan barnoota qabatamaa taasisuu keessatti shoorri inni qabu kan leencaati jedhan.
Haaluma Kanaan maqaan manneen barnoota manca’anii
1,Faajjii Mikaa'eel
2,Boobee
3,Ejeersaa Madaanalamii
4,Collee
5,Nuunnuu Gondinii
6,Qilinxoo Bitaa fi Mirgaa
7,Agamsa
8,Gib-Waashaa
9,Laantuu Walargii
10,Jamjam Meellaa
11,Cawaa Muraasaa
12,Laantuu
13,Kallattee
14,Karaadii
15,Q/Luuxuu
16,Bocceessaa Sillaasee
17,Goljee Sad. Iffaa
18,O/Bareeda
19,Birbirsaa
20,Gurraacha
21,H/Mikaa'eel
22,Bisxinnoo Dheeraa
23,WalDibbaaDirree
24,Waariyoo Luugoo
25, Waajjuu Jaganfoo
26,Shashang
27,Liilluu
28,Tulluu Biiftuufaa kanneen jedhamaniidha.
Similar posts:
Humnaan qabsoon godhamu Ameerikaa fi Deenmaark jidduutti hammaataa dhufe.
Kibba baha Suudaanitti haleellaa dirooniitiin namoonni 27 ajjeefaman.
Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa tarkaanfii laalessaa loltoota diinaa irratti fudhateen diinota hedduu adabuun injifannoo boonsaa galmeessisuu beeksise.
Manni Murtii Ol'aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma duguuggaa sanyii Rohinjiyaa dhaggeeffachuu eegaluufi.