Oduu Oolmaa Oromiyaa
Published Dec. 15, 2025, 4:02 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Qarsaa Maallimmaa keessatti waraanni Mootummaa PP manneen hawaasaa gubaa jiraachuun barame.
Godina Kibba Lixa Shaggar Ona Qarsaa Maallimmaa ganda Qoree Saabii jedhamu keessatti Mudde 13,2025 waraanni goolessaan PP manneen jiraattota gandichaa hedduu ibiddaan gubanii barbadeessuu jiraattonni maddeen keenyatti himanii jiru.
Bifuma Kanaan abbaa maatii 3 kan ta'e Obbo Tashaalaa Margaa meeshaalee mana keessaa tokko osoo hin hambisin mana waliin jalaa guban jechuun jiraattootni naannichaa dubbatanii jiru.
Akka jiraattonni kunneen jedhanitti sababa tokko malee maqaa qabata WBO waliin qabdu jedhuun maneen uummataa irra deemuun meeshaalee barbaadan keessaa fudhachuun, kan fedha isaanii hin taane manichuma keessatti ibiddaan kan gubaanii barbadeessan ta'u jiraattonni kunneen dubbatanii jiru.
Maqaa Oromummaa daldala godhachuun murni mootummaa PP uummata harka duuwwaatti roorrisuu kan jabeessee yoo ta’u, hidhaa, ajjechaa fi gubaatiin manneen uummataa isaa tokkoodhas jedhan.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Godina Wallagga Bahaa Ona Guutoo Giddaatti humnoonni finxaaleyyii Faannoo uummata buqqaasaa jiraachuu maddeen dubbatan.
Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan magaalaa Luugoo jedhamu keessaatti uummanni garmalee buqqaafamee gara magaalaa Ukkee jedhamutti baqataa jiraa jedhan.
Humnoonni finxaaleyyii Faannoo qabiyyee keessa socho'an hanga dhiheenya magaalaa Naqamteetti babal'ifachuu himuun, duraan dhimma rakkoo Onoota Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuutu dubbatamaa jira kan jedhan jiraattonni, amma magaalaa Naqamtee irraa fageenya Kiilomeetira 35 hin caalle irratti humnoonni finxaaleyyii Faannoo uummata buqqaasaa jiraachuu himan.
Ona Guutoo Giddaa magaalaa Luugoo jedhamutti haleellaa raawwatanii uummanni buqqaafamee gara magaalaa Ukkeetti baqataa jiraachuus jiraattonni maddeenitti himanii jiru.
Lakkoofsaan muraasa waan ta'aniif finxaaleyyii naannoo Amaaraatii humna dabalatanii Onoota naannoo Oromiyaa naannawaa sanaa keessaas walitti sassaabamanii jigiin yaa'an ofirraa ittisuu akka hin dandeenye himuun, humnoonni kun yeroo haalli itti cime huccuu isaanii jijjiirratanii, meeshaa isaanii dhoksaniitu jiraattota nagaa fakkaatanii jiraatuu jedhan.
Mootummaan dhimma kana bareechee beeka, garuu tarkaanfii irratti fudhachuuf fedhii hin qabu jedhan jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Godina Buunnoo Beddellee Ona Cawwaaqaa keessatti jiraattota dirqiin gara dirree waraanaatti guuruu fi hawaasa irratti saamichi jabaachuun jiraattonni dubbatan.
Godina Buunnoo Beddellee ona Cawwaaqaa gandoota garaagaraa keessatti humnoonni mootummaa dargaggoota dirqamaan ukkaamsuun gara dirree waraanaatti guuruu fi uummata Onicha irratti saamicha raawwachaa jiraachuu jiraattonni maddeeniif himan.
Haaluma kanaan gandoota onichaa baay'inaan 28 ta'an keessatti dargaggootaa fi kanneen maatii qaban cufa walitti guuruun namoota hedduu gara dirree leenjii waraanaatti geessuuf qopheessaa kan jiran yoo ta'u, gandi tokko yoo xiqqate namoota 30-50 dhiyeessuu qaba jechuun dirqama caasaaleen gandichaa fudhatanii bobba'aa jiran ta’uu jiraattonni maddeeniif himanii jiru.
Namoota maatii qaban kanneen barnoota hin qabnes walitti guuranii waraanaaf qopheessaa kan jiru yoo ta'u, isaaniifis ragaa barnootaa kutaa 8 fi sobaan hojjechiisaafii jiruu jedhan.
Kunis ta'uu kan danda'eef sababa uummanni sobaa fi holola fakkeessii irratti bare gara dabarsee uummata afaan faajjessuuf jecha waraana keessatti ajajoota taatanii teesaanii miindaa keessan qofa nyaattu jechuun ragaa barnootaa sobaa hojjisiisafii akka jiran keessa beektonni maddeeniif himanii jiru.
Kana malées onichatti yeroo garaagaraa irra deddeebiin kan mul'atu gochootni al-seerummaan adda addaa, maqaa gibiraa fi Inshuraansii fayyaa, ijaarsawwan adda addaa, buusaa gonofaa fi kanneen biroo tarreessuun guyyaa dhiyee bari'uun uummata irratti saamichi daanga dhabeessi geggeeffamaa jiraachuus jiraattonni dabaluun ifoomsanii jiru
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Hawaasni Oromoo Biyya Kanaadaa magaalaa Edmonton jiraataan lammiilee godina Shawaa Kaabaa ona Dagam magaalaa Hambisootti sababoota garaagaraan buqqa'aniif deeggarsa taasise.
Gargaarsi kun karaa waldaa walgargaarsa Orootiin kan qaqqabe yoo ta’u, Daakuu fi Zayitni nyaataas hawaasa bakkoota garaagaraatii buqqa'anii magaalaa keessa jiraniif kennamuu maddeen nuuf ifoomsanii jiru.
Bakka bu'aan Waldaa Gargaarsa Oromoo wayituma kana akka jedhanitti, lammiilee sababoota garaagaraatiin qe'ee isaanii irraa buqqaafamanii haala rakkisaa keessa jiran gargaaruun dhimma akkaan murteessaa ta'uu himaniiru.
Hoogganaan Waajjira Buusaa Gonofaa ona Dagam obbo Tasfaayee Abarraa gama isaaniitiin magaalaa Hambisoo keessa namoonni kuma 34 ta'an sababoota namtolchee fi uumamaan bakkoota garaagaraatii buqqaafaman akka jiran dubbachuun, Lammiilee kanneen deebisanii ijaaruuf gargaarsi cimaan akka barbaachisus dhaamanii jiru.
Similar posts:
Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!
Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.
Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.
Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.