Oduu Oolmaa Oromiyaa Torban Kanaa

Published Dec. 14, 2025, 4:08 p.m. by FNN Staff

305



ODUU FNN

Godina Gujii Lixaa Aanaa Qarcaatti WBOn Diina Adabe.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa godina Lixa Gujii Aanaa Qarcaa ganda Laayyoo Qundhii keessatti Mudde 13,2025 tarkaanfi waraana faashistii PP irratti fudhateen humnoota diina adabuu beeksise. Tarkaanfii Kanaan humnoota diinaa keessaa

 koomaandera gandichaa dabalatee ergamtoota diinaa hedduu du’aan yoo adabu, qawwee AKM 1 irraa hiikee mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godhuu beeksisee jira.

Bifuma wal fakkaatuun Arsii Bahaa Aanaa Heexoosaa keessatti tarkaanfii laalessaa fudhateen loltoota diinaa hedduu du’aa fi madoon yoo adabu meeshaa hedduu dugda diinaa irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa oromoof galii godhuu ajajaan WBO godinichaa beeksisee jira.

Abdii fi gaachanni saba cunqurfamtootaa WBO'n Zoonii Kibba Baha Oromiyaa Mudde 13,2025 loltoota diinaa maqaa sakatta’iinsa WBO jedhuun magaalaa Asallaa irraa gara aanaaleetti bobba’anii hawaasa dararuuf imalaa jiran aanaa Heexoosaa ganda Biyaanoo jedhamu keessatti tarkaanfii irratti fudhateen humnoota diinaa 3 du’aan yoo adabu, 8 ammoo madoo cimaaf saaxiluun beekkame.

Kana malees meeshaa waraanaa hedduu dugda diinaa irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa oromoof galii godhuu erga beksiisee booda, humnoota diinaa hafte ofirra naannessuun baqachiisee gara magaalaa Asallaatti deebisee injifannoo boonsaa galmeessisuu beeksisee jira.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godina Baha Shaggar Aanaa Booset keessatti hidhattoonnii fi kaabineen mootummaa uummata saamaa jiraachuun barame.

Bifuma Kanaan loon uummataa 28 saamuun namoota nagaas mana  hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu jiraattonni maddeenitti himanii jiru.

Hidhattoonnii fi jaleewwan Bilxiginnaa maqaa sakatta’a WBO jedhuun bobba'an ganda Saaraaf Araddaa bakka addaa Dhokachoo jedhamutti maanguddoo maqaan isaanii Obbo Jifaaree Sambatuu jedhaman kan siyaasa irraa walaba ta'ee jireenya dhuunfaa isaa qonnaa fi loon horsiisuun jiraatu deggaraa WBO ti jechuun humnoonni PP loon 28 konkolaataa Isuzu lamaan jalaa fe'atanii akka deeman jiraattonni gandichaa maddeeniif himanii jiru.

Kana malees ilma isaanii obbo Darrabaa Jifaaree qabuun magaalaa Bofaatti hidhanii dararaa jiraachuun beekkamee jira.

Itti fufuun ganduma kanatti namoota nagaa tuttuqqii siyaasaa irraa walaba ta'an barattootaa fi qonnaan bultoota hedduu kaan hidhanii kaan immoo reebichaan dararaa akka oolan maddeen gandicha irraa arganne addeessuun, sababa tokko malee eggertoota WBOti ittiin jechuun bulchiinsa magaalaa Warjii Baatuu magaalaa Bofaatti hidhanii dararaa akka jiran keessa beektonni ifoomsaniiru.

Bifuma wal fakkaatuun ganduma kanatti maanguddoo maqaan isaanii Obbo Rattaa Fiqiree jedhaman hidhattoonni kun qawween doorsisuun reebanii harka isaanii akka cabsan jiraattonni eeraniiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godina Kibba lixaa Qarsaa Maallimaatti waraanni PP mana Qonnaan bultootaa Abiddaan barbadeessuun barame.

 Manni  qonnaan  bulaa Oromoo Waraana Mootummaa biyya bulchuun haala sukkaneessaa ta'een  barbadeeffamuu jiraattonni maddeenitti himan.

Godina shawaa kibbaa lixaa Aanaa Qarsaa maallimaa gandaa qonnaan bulaa Gooroo Garbelii jedhamee beekamuutti waraanni Mootummaa PP mana  Qonnaan bulaa abiddaan barbadeessuun barame.

Kaabinee Aanichaa gandoota baadiyyaa qabattee yeroo ammaa bulchiinsa magaalaa Adaadii waliin ta'uun mana qotee bulaa 4 fi ollaa gandoota Kanaa kan ta'an mana qotee bulaa 5 walii galaa mana qotee bulaa 9 gubuu jiraattonni dubbatanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti, yakki kun itti yaadamee qotee bulaa mana isaa jiraatu ati miseensaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda jechuun, Waraana nyaachiftee obaafta jechuun gochaa qotee bulaa keenya malee yakkamaa gochuun mana isaa jalaa guban jedhan jiraattonni.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Wallaggaa Bahaa aanaa Sibuu Sireetti weerara humni finxaaleyyii Amaaraa bananiin jiraattotni Beelladoota isaanii ooffatanii godaanaa jiru.

Rakkoo nageenyaa godina wallaggaa bahaa Aanota akka Kiiramuu fi Giddaa Ayyaanaa keessatti waggoota 6n darbaniif hukni finxaaleyyii Amaaraa namoota nagaa ajjeesuun qabeenyaa ummataa saamaa manneen jireenyaa abiddaan barbadeessuun sarbama mirga namoomaa qaqqabsiisaa turaniiru.

Turtii waggaa 6 booda dirmannaa poolisiin Oromiyaa taasiseen Aanota akka Kiiramuu keessatti humni finxaaleyyii Amaaraa guutummaa guutuutti tahuu baatus hedduun barbadaa'eera kan hafes gara daangaa amaaratti baqatee deebi'eera.

Humni finxaaleyyii Amaaraa kun yeroo Humni poolisii Oromiyaa ummata waliin tahee Aanota akka Kiiraamuu fi Giddaa Ayyaanaa qulqulleessaa jirutti harcaatonni finxaaleyyii Aanota Sibuu Siree fi Guutoo Giddaatti darbuun ummata irratti dhukaasa banee miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu kan hubate ummatni bifa argitan kanaan beelladoota isaa ooffatee qe'ee fi qabeenyaa isaa lakkisee godaanaa jira.

Bulchaa Godina Wallaggaa bahaa dabalatee namootni bulchiinsa godina wallaggaa bahaa keessa jiran harki caalaan humnoota Finxaaleyyii Amaaraa Faannoo waliin kan hojjetan tahuu jiraattonni naannichaa gabaasaa turus tarkaanfiin fudhatame hin turre.

Humni finxaaleyyii Amaaraa waliin waliif galanii qarshii hirmaataa qabeenyaa ummataa bulchiinsoota godinaa fi Aanotaatu akka saamamu haala mijeessaa jira jechuun hawaasni ni himata.

 

 


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.