Manni Maree Paartilee haalli seeraa fi nageenyaa biyyattii filannoo walabaa gaggeesuuf ni danqa jechuun akeekkachiise; haaromsas gaafate

Published Nov. 6, 2025, 1:45 p.m. by FNN Staff

492



ODUU FNN

Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa mootummaan biyyattii fi qaamni dhimmi ilaallatu seera filannoo biyyattii lafaa akka fooyyessaniifi rakkoo nageenyaa bu’aa filannoo dhufuu fudhatama dhabsiisuu mala jedhe akka furanis gaafate.

Manni Marichaa ibsa Sadaasa 04, 2025 baaseen, haalli seeraa fi nageenyaa biyyattii keessatti mullatu amma paartileen siyaasaa walabummaan akka socho’an kan eyyamu miti erga jedheen booda, kanaaf haalli kun filannoo haqa qabeessaa fi dorgommii qixaa qabu gaggeessuu irratti gufuu kan ta’udha jedhe.

Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa, filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa torbaffaan kun filannoowwan biyyattiin gaggeessite duraaniirra  “walaba, haqa qabeessa fi deemookraatawaaa” akka ta’u bu’aan isaas filattoota, paartilee siyaasaa fi taajjabdoota biratti akka fudhatama argatu hojjetaa akka jiru ibse.

Akka mana maree kanaatti bakkeewwan haaromsi gama seeraan isaan barbaachisu qabxilee afuridha jechuun adda baafamaniiru.

Isaanis mallatoowwan deeggarsa kaadhimamtootaa, deeggarsa maallaqaa mootummaa biraa paartilee siyaasaaf taasifamu, haala filannoo fi sagantaa filannoo ta’uu ibse.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman