Haala Oromiyaa ilaalchisee oduu fi odeeffannoo torban kanaa.

Published Nov. 5, 2025, 7:43 p.m. by FNN Staff

312



ODUU FNN

Shira hoggantoota Somaaleetiin Magaalaa Dirree Dhawaatti jeequmsa kaasuuf qindoominaan hojjatamaa jiraachuun himame

Mootummaan Naannoo Somaalee saamicha Daangaalee lafa Oromiyaa irratti gaggeessaa jiruun, qindoomina jabaa hoggansa mootummaa federaalaa duuban jiran wajjiin ta’uun Magaalaalee Oromiyaa keessattuu kanneen wiirtuu daldalaa fi misoomaa taate bulchiinsa mootummaa Somalee jala galchuuf hojjatamaa jiraachuun barame.

Tattaaffii pireezidantiin mootummaa Naannoo Soomalee obbo Musxafee Mohaammad umar duuban hoggantoonni Somaalee kanneen sadarkaa federaalaatti jiran jiraachuunis himame.

Kana malees hoggantoonni Magaalaa Dirree Dhawaa addatti itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa Magaalaa Dirree Dhawaa obbo Ibraahim Yuusuuf, itti aanaan kantibaa bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa obbo Harbii Buh fi Afyaa'iin Magaalaa Dirree Dhawaa Aadde Fatiyaa Adan qindoomina waltajjii Manguddoota fi Dargaggoota Somaalee Dirree Dhawaatti hookkora kaasuuf karra saaqan duuban jiraachuu maddi keessoo bulchiinsa Dirree Dhawaa nuuf eeree jira.

Yeroo ammaan tana shira qindeessaniin ummata Oromoo Magaalaa Dirree keessaa buqqisuuf hojjachaa jiraachuu iccitii keessoon FNN dhaqqabde saaxilte.

Qindoomina hoggantoota mootummaa federaalaa sabaan Somaalee ta’aniifi hoggansa mootummaa naannoo Soomaleetiin Oromiyaa kallattii bahaa fi kibbaatiin saamichi lafaa jabaan taasifamaati jira.

Kanaanis Magaalalee wiirtuu daldalaa fi misooma taate Magaalaa Dirree Dhawaa fi Magaalaa Mooyyalee fudhachuuf sochiin hoggansi Somaalee taasisaa jiru hammachaa dhufuun ummata Oromoorratti dhiibbaa geessisaati jira.

Haasawa Muummeen ministira Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahmad dhiheenya waayee Dirree Dhawaa Ilaalchisee Magaalaan Dirree Dhawaa akka heera mootummaa federaalaattii Magaalaa qaama Oromiyaa ta’uu mirkaneesse sababeeffachuun, Manguddoonni fi Dargaggoonni Somaalee waltajjii sadaasa 3/2025 Magaalaa Dirree Dhawaatti taa'aniin haasawa jibba sanyummaa fi arrabsoo Sanyummaa qabu dubbachuudhaan ummata Oromoo dallansiisuun walitti bu'insa saboota lameenii kaasuuf yaalanii jiru. Shirrii kun duubaan mootummaan PP kan deeggaraa jiru ta’us daangaan Oromiyaa naannoo Somaalee irra deddeebiin sarbamaa kan jiru ta’uun ni beekkama.

Waltajjii Ustaazoota Somaalee haasawa mataa PP balaaleeffachuufi seenaa sobaa tolchuun olola facaasuuf taa'aamerratti, dargaggoon Waahila hogganaa paartii badhaadhinaa kan ta’e hiriyaan obbo Adam Faarah dubbii dubbateen Ummanni Oromoo galtuu killeefi Aannan gurguraa turte jechuudhaan arrabsoo fi tuffii ummata Oromoo kan calaqqisiisedha.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Maatii Qabsaawotaa Dabalatee Ummata Nagahaa Maqaa Hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo Waliin Qabdu Jedhuun Hidhanii Dararaa Jiraachuun Dhagahame.

 

Akka maddeen keenya addeessanitti Kibba Bahaa Oromiyaa Godinoota Arsii Lixaa fi Arsii  Bahaa Onoota hedduu keessatti kaabinee fi kaadireen mootummaa PP humna waraanaan maatii qabsaawotaa dabalatee ummata nagahaa, mana mana irra deemanii doorsisuu, hidhuu, mana hidhaatii baasanii ajjeesuu, Qabeenyaa isaan qaban ibiddaan gubuu, Dargaggoota humnaan guuranii mooraa leenjii waraanaatti geessutu barame.

Akka kanaan godinoota kibba Bahaa Rakkoon ulfaataan keessatti deemaa jiran, Arsii  Bahaa Onoota kanneen akka  Z/Dugdaa, Muunnessaa, Heexosaa, Digaluuf Xiijoo, Shirkaa,Honqoloo waabee , Arsii Roobee, Martii Gunaa fi Onni Jajuu kanneen qaamni mootummaa maqaa gara garaan hiraarsaa jiruu dha.

Haaluma walfakkatuun, Godina Arsii Lixaatti Onoota kanneen akka Gadab Hasaasaa, Adaabbaa, Shaashamannee, Nagellee Arsii, Heeban Arsii fi kanneen hafan hedduu keesaatti ummanni ooli bultii dhabee akka itti roorrifamaa jiru maddeen SBO ifoomsan.

Akka sanaan, Onoota Arsii Bahaa keessatti argamanitti kanneen Oromummaa isaaniin yakkamuun hiraarfamaa jiran.

Miseensi ABO Jaal Abbuu Obsee haadha mana isaa woliin Manna hidhaa dhiphoo  keessaattii namootaa 1000 ol wajjii Ona Zuwaay Dugdaatti ukkaafamanii hiraarfamaa jiru.

Maatii Hooogga ABO, miseensa GS ABO Jaala Daraaraa Lamii tahan haadha isaa Aadde Zeeynii GuyyeeTufaa manguddoo ganna 65 fi Obboleessa  dargaggeessa ganna 25 Roobaa Foggaaloo dabalatee ilmaan Oromoo daa'immanii fi manguddoonni keessatti argaman lakkoofsaan 400 ol ta’an mana hidhaatti guuramanii dararamaa jiraachuun barame.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Filannoo biyyaalessaa 7ffaaf qophii ta'us dirreen siyaasaa cufamuu ibsuun Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) komate.

Filannoof qophaa'uu jechuun dirreen siyaasaa banameera jechuu miti, danqaa keessa jirra" jechuun Dubbi Himaan ABO, Obbo Lammii Gammachuu himu.

Guyyoota lamaaf marii kan taasisan miseensonni fi hogganoonni ABO, ibsa ejjennoo dhimma nageenyaa, dirree siyaasaa fi kanneen biroo ofkeessatti qabate baasaniiru.

Maricha ilaalchisuun midiaf yaada kan kennan dubbi himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu, "Waltajjii miseensonni haala qabatamaa biyyi kun keessa jirtu, uummanni keenya keessa jiru, gaanfi Afrikaafi addunyaan keessa jiru itti gamaaggamanidha" jedhan.

Dabalataan waltajjichi kan miseensonnifi qondaalonni dhaabichaa murtee fi ejjennoo dhimmoota kanneenirratti qaban itti beeksisan ta'uus dubbatan.

Waggoota darbanitti biyyattii keessa dirreen siyaasaa danqamuu kan komatan Dubbi Himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu, "Haala qabatamaa argaa jirrutti hiikoon dirree siyaasaa banaa jedhamu mataansaa biyya kana keessa hinjiru" jedhan.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godina Salaalee ona Warra Jaarsootti manneen barnootaa jijjiganii barattonni daasii keessatti barataa jiru jedhame.

Manneen barnootaa jirankeessa Raayyaan Ittisa Biyyaa buufatee akka jiru jiraattonni himaniiru.

Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, onicha bakka hedduutti manneen barnootaa jijjiganii jiru.

Kanaanis barattoonni daasii keessatti barachuuf dirqamaa akka jiran dubbataniiru.

Manneen barnootaa heddu keessatti teessoon barattootaas dhabamee barattoonni lafa taa'anii barataa akka jiran ibsaniiru.

Uummanni maallaqa walitti buusee hanga danda'e manneen barnootaa isaa baraaruuf yaalii taasisus humnaa ol akka itti ta'e dubbataniiru.

Kana malees manneen barnootaa garaagaraa keessa Raayyaan Ittisa Biyyaa qubatee akka jiru kan dubbatan jiraattonni, tarii naannawaa mana barumsaatti walwaraansi ka'a jennee yaaddoo hamaa keessa jirra jedhan.

Sababa kanaan ijoollee keenya mana barnootaatti erguuf sodaannee jirra jedhan.

Manneen barnootaa bakka dhaloonni egeree biyyaa itti qaramu ta'uu isaaniitiin xiyyeeffannaan akka kennamuuf kan gaafatan jiraattonni, manneen barnootaa buufata waraanaa godhuun akka dhaabatus gaafataniiru.

Qaamni walwaraanu kamuu naannawaa manneen barnootaa irraa akka nuuf siqu feenas jedhaniiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Uummanni Oromoo tuttuqqaa naannawaa daangaa fi weerara babal'ifannaa lafaa hidhattoota naannolee ollaatii bobba'aniin adeemsifamaa jiru jabaatee qolachuu akka qabu kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa himan.

Qaamni lafa Oromoo irratti weerara adeemsisu qaama egeree uummataa dhabamsiisuuf qe'ee nu dhaaluuf akeeka qabuudha jedhan.

Qaamolee akka kanaaf uummanni Oromoo araarama hin qabu kan jedhan, qe'ee nu saamaa, lafaa fi daangaa abboonni keenya wareegama kafalanii nu dhaalchisan gadhiisuufiin hin taatu jedhan.

Otoo ijji keenya arguu daangaan Oromiyaa Moyaalee ka'ee hanga Mi'eessoo humnoota naannoo Somaaleetiin sarbamee lafti bal'aan weerarame, akkasuma Wallagga Bahaa hanga Shawaa Bahaatti humnoota babal'ifannaa lafaaf naannoo Amaaraatii bobba'anii lafti bal'aan weeraramuu Oromoo marti hubachuu qaba jedhan.

Adeemsi kun aggaammii egeree Oromoo fi Oromiyaa irratti aggaamame ta'uu eeranii, Oromoon bakka jiruu waltumsee daangaa isaa gamaa gamanaa sarbamaa jiru kabajsiisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Otoo silaa mootummaa jabaa naatoo uummataa qabu qabaannee kun marti nurra hin gahu kan jedhan warri yaada kennan, weerara daangaa Oromiyaa irra gaheef mootummaan kun seenaa keessatti gaafatama jalaa kan hin baane ta'uu dubbataniiru.

åQe'een Oromoo hidhattoota naannolee ollaatiin akka hunkuramu kan godhe mootummaa kana ta'uun hubatamuu akka qabu dubbataniiru.


Similar posts:

Konfedereeshiniin Hojjetoota Itiyoophiyaa Dhaabbileen damee dhuunfaa irra caalaan isaanii mirga hojjettoonni gurmaa’uu dhoorgu jedha.

Vaayirasiin Marbargiin namoonni du'an torba ga'an; Vaayirasichi Hawaasaattis mul'achuun himame.

Komishiniin Siivil Sarviisii ​​fooyya’iinsi mindaa yeroo jedhametti gama hundaan maaliif hojiirra ooluu akka hin dandeenye akka ibsu gaafatame.

Mootummaan Ertiraa gaaffii ulaa galaanaa argachuuf Itoophiyaan irra deddeebiin gaafachaa jirtu gocha walabummaa biyyattii sarbuuf yaalamaa jiru waan ta'eef cimseen balaaleffadha jette.