Masiriin, biyyoonni Daangaan isii qarqara Galaanaa hin daangeessine dhimma Galaanaa keessaa harka fudhachuu qabu jechuudhaan Itiyoophiyaa akeekkachiifte.

Published Nov. 3, 2025, 1:53 p.m. by FNN Staff

129



ODUU FNN

Marii pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii waliin taasisteen Masiriin biyyoonni daangaan isaanii qarqara galaanaa hin daangeessine dhimma galaanaa keessaa harka fudhachuu qabdi jechuudhaan Itiyoophiyaan hirmaannaa Galaana Diimaa akka dhaabdu ibsa baafte.

Pireezidaantiin Ertiraa  Onkoloolessa 30/2025 Mariif erga masirii dhaqeen booda marii taasisaniin Ministirri Dhimma Alaa Masirii Badrii Abdulaxiif guyyaa kaleessaa ibsa baaseen, Bulchiinsi Galaana Diimaa biyyoota daangaan isaanii qarqara galaanaa ta'an qofa ilaallata jedha ibsichi.

 Bjyyoonni qarqara galaana Diimaa hin taane kamuu dhimma Galaana Diimaa keessaa harka fudhachuu qaban jechuudhaan biyyoonni Galaana hin daangeessine Bulchiinsa Galaana diimarratti hirmaachuuf mirga hin qaban jechuudhaan ibsa baaseen ifoomsee jira.

Masiriin sababa hidhamuu Laga Mormoriin Itiyoophiyaatti garmalee mufachuun yeroo ammaan tana Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf Hariiroo Diploomaasiitiin biyyoota Baha Afrikaa bira dabartee gamtaa Awurooppaa wajjiiniis marii kan taasifte ta'uun baramee jira.

Akka seera Bulchiinsa bishaanitti Itiyoophiyaan bishaan kana fayyadamuuf mirga guutuu qabdi ta'us garuu Masriin Itiyoophiyaa murtii gama tokkoo qofa fudhatte jechuudhaan Itiyoophiyaa himatte.

Dhiheenya Itiyoophiyaan Ajandaa Galaana Diimaa deeffachuu kaafteen pireezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii walii galtee Muummee ministira Itoophiyaa Dr Abiyyi wajjiin bara 2018 keessa taasisan diiguudhaan Masrii wajjiin hariiroo diploomaasii uumuunis baramee jira.

Dhiyeenya haasa'a Muummichi Ministiraa Dr Abiy Ahmad walgayii paarlamaarratti taasise hordofuun, Isaayyaas Afawarqii masrii wajjiin mari'aachuuf Kaayiroo seenee guyyaa 2'ssaatti Ministirri Dhimma alaa Masrii Itiyoophiyaa qarqara galaana Diimaa waan hin dangeessineef Galaana Diimaarratti hirmaachuuf mirga hin qabdu jechuudhaan mormii dhageessise.

 

Ibsi Ministira Dhimma alaa Masirii kun gaaffii biyyi isaanii Hidha laga Abbayyaarratti qabdu kan faalleessu yeroo ta'u, Dhibbeentaan 87' Bishaan Naayil Itiyoophiyaa keessaa waan madduuf Itiyoophiyaan bishaan kana hidhachuuf hayyama Qaama kamuu eeguu kan hin qabne ta'uu mirkaneesse.


Gama biraatiin Masriin biyyoota Yaa'a Laga Naayiil keessa hin jirtu, haa tahuu malee Bishaan Naayil dhibbaantaa 99 Masriitu fayyadamaa jira.


Akka ibsi Ministirri Dhimma Alaa Masrii Itiyoophiyaa fi daangaa qarqara galaanaa jechuudhaan ibsa baaseetti Masriin Dhimma Bulchiinsa Naayiil keessa galuuf mirga kan hin qabne ta'uu mul'isa.

Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badrii Abdulaxiif Miidiyaa Al Arabiyaaf Onkoloolessa 31/2025 ibsa kanneen, biyyoota Afrikaa keessa jiran keessaa kanneen Qarqara galaanaa hin ta'iin addatti Itiyoophiyaa maqaa kaasuudhaan, Itoophiyaan bu’uura bulchiinsa Galaana Diimaa kamuu keessatti hirmaachuun fudhatama akka hin qabne cimsanii dubbatanii jiru.


Similar posts:

Naannoo Affaariitti eddoowwan humnoonni TPLF too'atan, jiraattonni buqqa'uun barame.

Manni Maree Paartilee haalli seeraa fi nageenyaa biyyattii filannoo walabaa gaggeesuuf ni danqa jechuun akeekkachiise; haaromsas gaafate

Magaalaa Finfinnee keessatti ji'a sadii keessatti balaan tiraafikaa kuma saddeetii ol gahuun ibsame

Itoophiyaan jaarsummaa ergachaa jiraachuun barame.