Magaalaa Finfinnee keessatti ji'a sadii keessatti balaan tiraafikaa kuma saddeetii ol gahuun ibsame

Published Nov. 3, 2025, 1:09 p.m. by FNN Staff

94



ODUU FNN

Balaan tiraafikaa kuma saddeetii ol magaalaa Finfinnee keessatti uummamuun barame. 

Kurmaana jalqabaa bara baajataa 2018 keessa taatewwan balaa tiraafikaa yeroo 8,853  qabeenya irra ga'uufi balaa kunneen sababa konkolaachiftoonni seera tiraafikaa cabsaniif ta’uu Poolisiin Finfinnee beeksise.
 
Balaan kan hammaachaa jiraniif sababa konkolaachistoonni of eeggannoo malee konkolaachisaniif ta’uu eerun,kurmaana jalqabaa keessatti qofa konkolaachistoonni kuma 14 fi 695 ariitiin konkolaachisuu isaaniif ejjennoon irratti fudhatamuu beeksise.

Dabaluunis, konkolaachistoonni kuma tokkoofi 171 eeyyama konkolaachisummaa malee, konkolaachistoonni 172 humnaa ol dhuguun osoo konkolaachisaa jiranii qabamuun tarkaanfiin irratti fudhatamuu ibsan.
 
Daangaa ol ariifachiisuu, dhuganii konkolaachisuufi eeyyama malee konkolaachisuun sababoota ijoo balaa kana hameessa jiran akka ta’an hubachiisuun, balaan kun, miidhaa lubbuufi qaamaa cinatti,   qabeenya mootummaafi uummataa irra miidhaa guddaa geessisaa jira jedhan.
 
Misoomni koriidarii keessattuu miidhamaa jira kan jedhan Poolisiin Finfinnee, konkolaachistoonni dhuganii konkolaachisan addatti miidhaa kana qaqqabsiisaa jiru jedhan. Mukkeen qarqara daandii, sararootafi qabeenyota elektirikii, akkasumas misooma bu’uuraa daandii koriidarii Buufata Xiyyaaraa Boolee irra konkolaachistoonni dhuganii konkolaachisan kun miidhaa guddaa geessisaa jiraachuu beeksisan.
 
Konkolaachistoota qabeenya tajaajila hawaasaaf ijaaraman irra miidhaa geessisan irratti adabbii tiraafikaa qofa osoo hintaaane qorannoo barbaachisuu taasisuun tarkaanfii cimaa irratti akka fudhatu beeksise.


Similar posts:

Naannoo Affaariitti eddoowwan humnoonni TPLF too'atan, jiraattonni buqqa'uun barame.

Manni Maree Paartilee haalli seeraa fi nageenyaa biyyattii filannoo walabaa gaggeesuuf ni danqa jechuun akeekkachiise; haaromsas gaafate

Masiriin, biyyoonni Daangaan isii qarqara Galaanaa hin daangeessine dhimma Galaanaa keessaa harka fudhachuu qabu jechuudhaan Itiyoophiyaa akeekkachiifte.

Itoophiyaan jaarsummaa ergachaa jiraachuun barame.