Itoophiyaan liqeessitoota biyya keessaa irraa qarshiin liqeeffatte haga dhuma ji’a Fulbaana 2025 Birrii tiriiliyoona 2.56 ta'uun gabaafame.

Published Nov. 3, 2025, 1:26 p.m. by FNN Staff

377



ODUU FNN

Liqaan biyyaa keessaa Itoophiyaarra jiru Birrii tiriiliyoona 2.56 ga'uun gabaafame 
 

Liqaan Itoophiyaan liqeessitoota biyya keessaa irraa liqeeffatte dhuma ji’a Fulbaana 2025 Birrii tiriiliyoona 2.56 ga’uufi abbootiin qabeenyaa biyya keessaa liqii yeroo gabaabaa malee kan yeroo dheeraa kennuuf eeyyamamoo ta’uu dhiisuu Ministeerri Maallaqaa beeksisuun gabaafame. 
 
 
Fulbaana bara 2025 keessa qofa mootummaan gama  caalbaasii liqaa yeroo gabaabaa ( T-bills) lamaan Birrii biliyoona 53.35 walitti qabuu ministeerichi ibseera. Liqaan walitti qabame kunis kan guyyoota 28 fi 91 irratti xiyyeeffate ta’uu kaasun, abbootiin qabeenyaa guyyoota 364 yookan waggaa tokkoof mootummaaf liqeessuuf fedhii akka hin qabne himan.
 
Abbootiin qabeenyaa sababni liqaa yeroo dheeraa mootummaaf kennuu didaniif sodaa qaala’iinsa jireenyaafi tasgabbii dhabuu maayikiroo ekoonomii ta’uu hayyoonni dubbachuu Gaazexaan Kappitaal gabaase.
 
Fedhii dhabuun isaanii kunis  dhalli liqaa waggaa tokkoof abbootii qabeenyaaf kaffalamu dhibbeentaa 15 irraa akka dhibbeentaa 20 tti ol ka’u taasiseera jedhame. Kanas hayyoonni sodaa guddaa  qaba  jedhamee waan yaadamuufi hammi dhala liqaa isaanii dabalame jechuun gabaafame. Faallaa kanaan dhalli liqaa yeroo gabaaba xiqqaachaa deemuu ibsuun, kunis sodaa baay’ee waan hinqabneefi jedhame.
 
 
Liqeessitonni biyyaa keessaa gurguddoon liqaa biyya keessaa Itoophiyaarra jiru keessaa ga’ee guddaa qaban Baankii Daldala Itoophiyaa (%43), Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa (% 26.3) fi  Fandii Sooramaa (% 19.3) ta’uunis himame.
 
Kurmaana itti aanutti liqaa yeroo gabaabaa dabalataa Birrii biliyoona 200 fi miliyoona 43.05 liqeeffachuuf kaaroorsuu Ministeerri Maallaqaa ibse jechuun Kappitaal gabaase.


Similar posts:

Mootummaan Faransaay doonii haaraa humna niwukilaraa hojjetu, seenaa isaa keessattis ta’e Awurooppaa keessatti isa guddaa ta’e ijaaruuf karoora qabaachuu isaa ifatti mirkaneesseera.

Mootummaan Oromiyaa haleellaa humnoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maqsuun nageenya uummataa waaraan mirkaneessee afuura akka nu fudhachiisu feena jedhan jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee karaa godina Boorana Bahaatiin Oromiyaa irratti lolli bane itti fufuu jiraattonni himan.

Naayijeeriyaatti Boombii Masjiida keessatti dhooheen namoonni 5 yoo du'an, 35 madaa'an.