Godina Gujii Aanaa Annaa Sorraa keessatti sababa gurguramuu bosonaatiin mormii ummataa dhalateen miidhaan dhaqqabuu jiraattonni maddeeniif himan.

Published Nov. 27, 2025, 2:54 p.m. by FNN Staff

183



ODUU FNN

Akka jiraattonni maddeeniif himanitti bosonni umrii dheeraa qabuu fi hawaasni waggoota hedduuf kunuunsaa ture kan godina Gujii Aanaa Annaa Sorraa ganda Raayyaa Booddaa iddoo addaa zoonii Qulloo Amuunnoo jedhamu keessatti argama.

Bosonni kun bosona guddaa da'oo bineensotaa ta'ee fi hawaasni kunuunsaa olaanaa kennaa tureef ta'uu kan himu jiraataan ganda Raayyaa Booddaa, bara 2011 ALItti qaamonni mootummaa maqaa Investimantii jedhuun bosona lafa heektaara 54 irra jiru abbaa qabeenyaa obbo Gammadee Iliyaas jedhamaniif kennan jedha.

Haa ta'u malee ummanni bosonni kun maqaa Investimantiitiin manca'u hin qabu jechuun hanga Oromiyaa deemee falmataa ture jedha.

Qaamonni hooggansa godinaa bosonni kun bosona guddaa ta'u erga mirkaneessanii bosonichi akka hin mancaane murteessuun gaafiin ummata akka kabajamu taasisee jechuun haala yeroo san ture hima.

Haa ta'u malee Sadaasa bara 2018 bulchaan Aanaa Annaa Sorraa abbaa qabeenyaa duraan dhoowwatame saniif bosona kana dabarsee kennuu hordofee mormiin ummataa dhalachuu hima.

Bulchaan Aanaa osoo ummanni bosonni kun hin ciramuu dhalootaaf darbuu qaba jedhee mormuu anatu murteessee jechuun sagalee ummataa ukkaamsee murtee dabarsee kan jedhu jiraataan Aanaa Annaa Sorraa abbaan qabeenyaa kun karaa bulchiinsaa fi nageenyaa Aanaa Annaa Sorraatiin bosonicha akka ciru taasisee jedha.

Abbaan qabeenyaa Sadaasa 11 bara 2018 bosonicha osoo ummanni dhoowwu ciruu jalqabe jechuun, Sadaasa 13 bara 2018 milishaan ummata bosonni akka hin ciramneef gaafataa jiru irratti haleellaa raawwachuun namoonni hedduun miidhamani jiru jedha.

Namoonni 15 ammoo sababa kanaan hidhamuu jiraataan maddeeniif yaada kenne ifoomsee jira.

Haleellaa Milishaan ummata irratti raawaateen dubartiin takkaa fi dargaggeessi tokko kan maqaan isaa Mallasaa Diidoo jedhamu miidhaan irra gahuu fi hospitaalatti wal'aanamaa turuu hima.

Dhuma irratti bosonni kun bosona dhalootaa dhalootatti darbuu qabu waan ta'eef mootummaan naannoo Oromiyaa bosona kanaaf xiyyeefannaa kennee ciramuu irraa akka baraaruu jechuun waamicha taasisee jira.


Similar posts:

Abbootiin Alangaa Naannoo Jimmaa Arjootti butamanii turan lakkifamuun himame

Kora Mooskoon booda Yukireeniifi US mariif Filooriidaatti walga'uufi.

Godina Harargee Bahaatti Humnoonni Naannoo Somaalee Daangaa Ce'uun Lubbuu Namootaa Galaafachuun Barame.

Oduu Oromiyaa fi Addunyaa