Bittaa xaa’oon wal qabatee angawoonni kisaaraa qarshii biliyoona 5.6 ol geessisan jedhaman himataman.

Published Nov. 27, 2025, 2:25 p.m. by FNN Staff

374



ODUU FNN

Angawoota mootummaa “faayidaa isaanif hin malle argachuuf yookan argamsiisuuf” dambiilee  bittaa xaa’oo cabsuun kisaaraa Birrii biliyoona 5.6 ol  geessisan jedhamuun shakkaman irratti himanni  malaammaltummaa cimaa banamuun gabaafame.
 
Abbaan Alangaa Ministeera Haqaa himata  Sadaasa 21  dhiyeessuun, Sadaasa 24, 2025 Mana Murtii Olaanaa Lidataa Dhaddacha Dhimma Yakka Malaammaltummaa cimaan himata irratti bane. 
 
Himatamtoonni kuni, Seera adabbii yakkaa32 (1A)  labsii yakka malaammaltummaa to’achuuf bahe 881/2007 keewwata 9(1A fi 2) darbuun taayitaa isaanii seeraan ala fayyadamuun yakka malaammaltummaa irratti hirmaachuun shakkamanii akka himataman Gaazexaan Riipoortar gabaaseera.
 
Abbaan alangaa aanga’oota olaanoo Koorporeeshinii Hojiilee Qonnaa Itoophiyaa torba, Hojii Raawwachiisaa Itti Aana Geejjiba Galaanaafi Loojistiksii, hoggansa olaanaa Ministeera Qonnaa tokkoofi hoggansa olaanoo Dhaabbata Madaallii  Qulqullinaa Itoophiyaa  lama irratti ta’uun gabaafame.
 
Aanga’oonni kun aangoo isaanii seeraan ala fayyadamuun faayidaa isaanif hin malle argachuuf yookaan argamsiisuuf waliigaltee, qajeelfamaafi  dambiilee  idil-addunyaa  xaa’oon ittiin bitamu beekaa cabsuun ta’uu gabaasichi eere.
 
Himatamtoonni kun walii galteen ala  xaa’oo kana geejjibsiisuun mootummaafi ummatarra kisaaraa birrii naannawaa biliyoona 5.6 ol geessisan jedhaman. Darbees xaa’oon kun qulqullina akka hin qabne osoo beekanii gara biyyaatti akka seenu  haala mijeessan jechuun shakkaman.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan