Oduu Torban kanaa haala Oromiyaa fi Addunyaa.
Published Nov. 24, 2025, 6:25 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Gujjii Ona Sorraa Ganda Raayyaa Booddaatti namoota bosonni keenya abba qabeenyaaf dabarfamee hin kennamu fi mancaatiin bosonaa yaa dhaabbatu jechuun hiriira ba’an irratti humnoonni mootumma dhukaasa banaaniin, namoonni hedduun yoo du’an hedduun madaa’uu madeen ifoomsanii jiru. Kana malees namoonni hedduun mana hidhaatti kan guuraman yoo ta’u, hedduun ammo qaama mootummatiin barbaadamaa jiraachuunis baramee jira.
Namoonni mana hidhaatti guuramanii ammaaf maqaan nu qaqqabe
1.Taganyii Haayilee
2.Baqqalaa Adulaa
3.Yohaanis Magaashaa
4,Ayyalaa Goobaana
5,Fiqiruu Warrasaa
6.Samu'eel Gadaa
7.Maatoos Goodana
8.Dukkallee Magaashaa
9. Marqoos Damissee
10. Udoo Guduree
11.ximootosi Magaashaa
12.Tasammaa Bulushee
13.waree Ayya'aa
14.Waaqoo udoo
15.Hayiluu Gadaachoo
16, yooseef Gudurree
17.Irgaa Guduree fi namoonni 4 ammaaf maqaan nu qaqqabin mana hidhaatti dararamaa jiraachuun barame. Namoonni kunneen qonnan bultoota yoo ta’an badii biraa qabaatanii akka hin taanees baramee jira.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''' '''''''''''''''''''''''''''''''''''''''' '''''''''''''''''''''
Godina Arsii Bahaa Ona Heexoosaa keessatti loltoonni Mootumma PP maqaa qabata WBO qabduutiin namoota nagaa 2 ajjeessuun barame. Kana malees godinuma kana Ona Jajuu fi Martii keessatti namoota hedduu hidhuun dhaga'ame
Arsii Bahaa Ona Heexoosaa ganda Hurxubaa Danbii iddoo addaa Qillisaa jedhamutti loltoonni mootumma PP Sadaasa 21,2025 bariin gandicha keessa deemuun hawaasa hiraarsaa erga turanii, namoota maqaan isaanii; Caalaa Bashiir Maaraqoo fi Obbo Ibraahim Jamaal Huseen abbaa ijoollee lamaa mana isaanii keessaa gadi baasuun gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsanii akka ajjeesan jiraattonni maddeeniif ifoomsanii jiru.
Namoonni kunneen yakka dalagan qabaatanii osoo hin taane maqaa qabata wbo qabdu jedhuu fii sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamanii loltoota mootummaa PPn akka ajjeefaman jiraattonni himuun, haalli gandicha keessatti irra deddeebiin mul'atu kan abdii nama kutachiisu ta'uu jiraattonni dabalataan ibsaniiru. Bifuma walfakkaatuun godinichuma sana keessa Ona Jajuu ganda Hurutaa Dooree iddoo addaa ljaaraa jedhamu keessatti Sadaasa 19,2025 loltootni Amootumma PP maqaa hariiroo WBO qabdu jedhuun qonnaan bultoota nagaa ukkaamsanii mana hidhaatti guuruun barame. Maqaa namoota hidhamanii ammaf arganne keessaa
- Haajii Muussaa,
- Jamaal Muussaa,
Ahmad Abdallaa,
- Biftuu Jajuu,
- Urjii Hajjii,
- Irkoo Eda'oo,
Itenesh Boruu,
Gallee Adaniin,
- Aniyya Mahaammad,
Ditta Gabii,
Dabalaa Dhaddachaa,
- Ahimaddiin Kadir,
Ammee Sirajoo,
Awaal Ahimad fi Abdulrazaaq Adaam kanneen jedhaman yoo ta’uu, godinichuma kana keessa Ona Martii ganda Abbaasaa Gorbaa iddoo addaa Dooyyee gorbaa irraas Sadaasa 20,2025 namoota maqaan isaanii; Gazaalii Yohaannis fi Muhaammad Gandaa dabalatee namoota hedduu mana hidhaatti guuruun erga mana hidhaa geessanis hedduu darauu jirattonni maddeeniif ifoomsanii jru.
'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Baha Oromiyaa Godinaalee Harargee lamaaniitti yakkoonni saamichaa, namoota hidhuu, gudeeddaa fi ajjeechaan uumatarratti jabaachuu jiraattonni maddeeniif himan.
Dararri mootummaa PPn godinaalee Harargee lamaanitti gudeeddii, saamichaa fi ajjeechaa seeraan alaa humnoota waraana mootummaatiin jiraattota irratti raawwatamaa jiru kan yeroo kaanii nuti caalee jedhan jiraattonni.
Yakki dhala namaa irratti waraana mootummaatiin raawwatamu hammaachaa dhufuun, tibbana addatti maqaa duula Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhuun Onoota godina Lixa Harargee maraa fi Baha Harargee muraasa keessatti lubbuun namootaa darbaa fi hidhamuun gidirfamaa akka jiran maddeen gabaasanii jiru.
'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Abbaan Alangaa Obbo Taayyee Danda'aa irratti himatawwan haaraa sadi banuusaa abukaatoonsaanii himan.
Guyyoota 10 dura himatawwan lamaan bilisa jedhamanii himata tokkoon murteen balleessummaa kan itti murame Deetaan Ministeera Nagaa duraanii Obbo Taayyeen, himatawwan haaraa sadi irratti baname.
Abukaatoo Obbo Taayyee Danda'aa kan ta'an Obbo Abarraa Nigus, "himatawwan haaraa saditu irratti saaqame, himanni kun har'a nu qaqqabe" jechuun BBC'tti himan.
Himatawwan haaraa banaman sadeenis gaafiif deebii Obbo Taayyee Danda'aa toora miidiyaa hawaasaa 'Horn Conversation' jedhamu waliin taasisanfi hidhaarra osoo jiranuu tamsa'e jedhamerratti kan xiyyeeffatan akka ta'anis himaniiru.
Himatawwan haaraa sadeen keessaa inni jalqabaa himata Obbo Taayyeen kanaan dura bilisa ittiin jedhaman keessaa isa tokko waliin akka walfakkaatu eeruun, himanni kunis Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 257 kan ilaallatu akka ta'es Obbo Abarraan himaniiru.
Himanni jalqabaa "Humnootii biroo waliin waloomuun hookkara kaasuun mootummaa filame humnaan diiguu kan jedhudha" jedhan.
Himatawwan haaraa angawaa duraanii kanarratti saaqaman keessaa inni lammaffaan immoo Raayyaa Ittisaa ilaalchisee odeeffannoo sobaafi dogongorsiisaa ta'e dubbataniiru kan jedhu akka ta'es himan.
Himanni kun "Haleellaa Izzii Kaabaa (Raayyaa Ittisaa) irratti raawwatameefi dhimmoota biroo ilaalchisee odeeffannoo dogongorsiisaafi soba ta'e kennaniiru.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
,Masriin hangi bishaanii hidha Abbayyaarraa gadhiifamu 'wal caaluu' himatte.
Masriin durayyuu Itiyoophiyaan 'tarkaanfii gam-tokkee kan marii malee raawwatame' jechuun xumuramuu hidha Abbayyaa fi akkaataa bulchiinsa isaa qeeqaa turte, Ammas 'bulchiinsi hidha kanaa qindaa'aa ta'uu dhabuun qormaata itti ta'uu'' qeequun ''bishaan humna ol natti gadi dhiifameera'' jechuun Itiyoophiyaa himachuu isii Ministirri Qabeenya Bishaaniifi Jallisii Masrii ibse.
Ibsa ariifachiisaa biyyattiin Sanbata darbe kana baasteen, Itiyoophiyaan bulchiinsa fi to'annoo bishaan hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa irratti taasiftu ammallee sirreessuu hin dandeenye jette.
Sababa kanaanis dambaliin bishaanii hin eegamne isii muudachuu ibsite
Ititoophiyaan tarkaanfii gama tokkee fi to'annaa bishaanii akka malee itti fufuun ishee hangi yaa'a bishaan laga Naayil irratti jijjiirama cimaa fideera'' jedha ibsi kun.
Hanga bishaanii guddaa utuu hin eegamne ishee mudate jette kana hir'isuufis ulaa yaa'a hara ishee Toshkaatti geessu banachuuf akka dirqamtu beeysiste.
Halli to'annoo ministeerri bishaanii fi inarjii Ititoophiyaan hidhacha irratti taasisu qindoomina waan hin qabneef hammi bishaanii gadi lakkifamuu yeroo adda addaa wal fakkataa ta'uu dhabuun itti fufeera jedhan ministeerri Masrii.
''Jijjiiramni bishaanii ammaa kunis yaa'a gadiitti jijjiirama kanaan dura hin argamne uumeera'' jedha.
Masriin lolaa cimaa Suudaan Kibba Kaartuumitti baatii Onkoloolessaa darbe keessaa miidhaa geessiseefis Itiyoophiyaa himachuun isii ni yaadatama.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Manni Murtii Biyyattii, Mootummaan Keeniyaa koolugaltoota fudhachuuf dirqama idil-addunyaa qaba jedhe.
Mootummaan Keeniyaa waliigalteewwan naannoo fi idil-addunyaa jalatti koolu galtoota fudhachuuf dirqama akka qabu manni murtii murteesse.
Manni Murtii Ol'aanaa Keeniyaa murtii mootummaan koolu galtoota haaraa Itiyoophiyaa fi Eertiraa galmeessuu dhaabuuf murteesse addaan kuteera.
Mootummaan Keeniyaa murteen kun seera biyyattii kan cabsuu fi seera naannoo fi idil-addunyaa biyyattiin itti hidhamte kan faallessu ta’uu qeeqeera.
Murteen koolugaltoota galmeessuu dhaabuus murtee koolugaltoota jidduutti loogii uumuudha jedhameera.
Murteen manni murtichaa kun kan kenname himata gareewwan mirga namoomaa fi dhaabbileen seeraa Keeniyaa murtee biyyattiin baqattoota biyyoota lamaan irraa koolu galtummaa gaafatan galmeessuun dhaabsifte mormuun dhiyaate erga dhaggeeffatee booda ture.
''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''
Humnootni Nageenyaa Keeniyaa daangaa cehuun Mooyaleetti miseensa humna nagaa Itoophiyaa tokko ajjeesuufi jiraataa tokko ukkaamsanii butuun gabaafame
Humnooni nageenyaa Keeniyaa daangaa Itoophiyaa qaxxamuruun Magaalaa Mooyyalee Ganda Boolee ykn 02 tti Obbo Abduuba Waariyoo Diida, Bulchiinsaafi nageenya gandichaa ajjeessanii jiraataa magaalaa Mooyalee biroo Waariyoo Gurraacha jedhamu ammoo ukkaamsuu jiraattonni fi angawootni magaalattii Addis Standard tti himan.
Jiraatan Magaalaa Mooyalee ka yaada Addis Standard’f kenne Obbo Husseen Halkanoo, Sambata diqqaa Sadaasa 22, 2025 waaree booda naannoo sa’aatii 11;40 tti humnoonni nageenya keeniyaa daangaa Itoophiyaa seenuun konkolataa sadii mana jiraataa tokko kan Waariyoo Gurraacha jedhamu deemuun to’aachuuf yaalani jedhani. Jiraatan kunis, “ani yoo yakka dalage qaama seera Itoophiyati na to’aata malee qaamni seera biyya ollaa irraa dhufe na too’achuuf mirga hin qabu” jechuun mana isaa keessatti yeroof miira aaritiin waliti dubbachaa turan jedhe. Booda irratti erga walii galuu dadhabaniin gara bulchiinsaafi nageenya ganda 02tti dawwaluun akka Abduubi dhufe taasifame jedha. Akkuma dhufeen “kuni daangaa keessani miti yoo rakkoo jiraate nuti too’ata” jechuun bulchiinsaaf nageenya ganda 02 kan ijjeefames wajiin akka wali dhaban dubbata.
Kanuma gidduutti osoo inni hin beekin miseensi nageenyaa mootummaa Keeniyaa tokko jilbaa isaa dhiituun lafatti kuffisee jedhan. Kana boodas “yeroo kanatti shugguxiin isaa waan jala bu’eef osoo inni hin fudhatini shugguxxii isaas jarumaan fudhachuun bakka itti kufe osoo ka’aa jiruu raasasan ijjeessuun nama 2ffaa kan Waariyoo Gurraacha jedhamu ukkaamsanii fudhatan” jedha Obbo Husseen.
Similar posts:
Kora Mooskoon booda Yukireeniifi US mariif Filooriidaatti walga'uufi.
Godina Harargee Bahaatti Humnoonni Naannoo Somaalee Daangaa Ce'uun Lubbuu Namootaa Galaafachuun Barame.
Mootummaan naannoo Somaalee godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaksan irratti duula jabaa banuun dhagahame.
Sudaan meeshaalee waraanaa barbaacha Raashiyaaf buufata doonii waraanaa laachuf waliigaltee waggaa 25 dhiyeessite