Israa'el qondaala olaanaa Hezboollaa Beeruut keessatti ajjeesuun barame.

Published Nov. 24, 2025, 7:09 p.m. by FNN Staff

264



ODUU FNN

Waraanni Israa'el haleellaa qilleensarraa raawwateen miseensa gameessa Hezboollaa kibba magaalaa guddoo Libaanos Beeruutitti ajjeese. 

Israa'el kana kan raawwatte waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuudhaani. 

Qondaalli ol'aanaa garee hidhataa kanaa, Israa'el Haayitaam Alii al-Taabtaabaayi akka jedhamu ibsite garicha keessatti aangoo garaagaraa qabachuun kan hojjeteefi muuxannoo yeroo dheeraa qabuudha. 

Ministeerri fayyaa Libaanos haleellaa qilleensaa kanaan naannoo Daahihee keessatti gamoon namoonni keessa jiraatan rukutamee yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefmanii kanneen 28 tahan ammoo madaahaniiru jedhe. 

Hezboollaan ajjeeefamuu Taabtaabaayi mirkaneessuun haleellaa kana raawwachuun Israa'el 'sarara diimaa' qaxxaamurte jedhe. 

Israa'el haleellaa kana ji'oota keessatti yeroo jalqabaaf raawwatte. 

Israa'el namoota dhuunfaa dabalatee qaamota Hezboollaa waliin hidhata qaban irratti qiyyaafachuun duula akka jabeessite himuun booda haleellaan kuni kan raawwate. 

Hezboollaan garee Musliimaa Shiyaa Iraaniin deeggaramu yoo tahu gidduugaltummaa Ameerikaa fi Faransaayiin taasifameen Israa'el waliin walitti dhukaasuun Sadaasa bara darbe dhaabbatee ture. 

Akka Israa'el jettutti Hezboollaan waraanasaa akka haaraatti jabeefataa jira. 

Meeshaalee waraanaa seeraan ala gara Libaanositti galchuu, oomisha dirooniiwwan dhukahan dabaluun rookeetiiwwaniifi misaayelotaa bakka buusaa jira jechuu isheen, lolli akka hin hammaanne sodaatamaa jira. 

Haleellaan kuni raawwachuun booda Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu, ''hoggana koo jalatti Israa'el Hezboollaan waraansaa deebisee akka ijaaru hin eeyyamtu, irra deebiin Israa'eliif yaaddoo akka tahu hin eeyyamnu,''jedhan. 

Dabaluunis mootummaan Libaanos ''Hezboollaa hidhannoo hiikkachiisuun waliigalteesaa akka fiixaan baasu eegna,'' jedhan. 

Pireezidantiin Libaanos Jooseef Awoon hawaasni idl-addunyaa Israa'el irratti dhiibbaa akka kaa'u gaafatan- Israa'el ammallee kibba Libaanos keessatti yoo xiqqaate iddoowwan shan qabattee jirti. 

Haleellaa akka dhaabduufi biyyaa akka baatu kan gaafatan pireezidaantichi gochaan Israa'el waliigaltee lola ji'a 13 dhaabe kan sarbu dha jedhan. 

Mootummaan Libaanos Hezboollaa hidhannoo hiikkachiisuuf kakatus, gareen hidhataa kuni garuu Israa'el haleellaa otoo hin dhaabiiniifi Libaanos keessaa otoo hin bahiin akkasumas hidhamtoota Libaanos otoo hin hiikiin waa'ee egeree waraanasaa marii'achuuf eeyyamamaa akka hin taane ibseera. 

Qondaalli dippiloomaasii biyyoota Lixaa keessaa kan tahan tokko, maqaan akka hin eeramne gaafachuun BBCtti akka himanitti bulchiinsi Tiraamp qondaalota Libaanos irratti dhiibbaa godhaa jira. 

Tahus tarkaanfii tirataa mootummaan biyyattii garee Ameerikaafi US shororkeessummaan labsan irratti taasisuun biyyooti obsa dhabaa jiru jedhan. 

Lolli Israa'eliifi Hezboollaa gidduu yeroo dhumaaf kan taasifame garichi haleellaa Hamaas Onkoloolessa, 2023 booda Israa'elitti rookeettii yeroo dhukaase dha. Hezboollaan yeroo haleellaa raawwate lammiilee Filisxeem Gaazaa keessa jiran deeggaruudhaani jedhe. 

Qondaalonni Libaanos akka jedhanitti lola kana keessatti Israa'el namoota nagaa dabalatee 4,000 ajjeeste. Namoonni miiliyoona 1.2 tahanis qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru. Israa'el gamasiin loltoota 80 akkasumas namoota 47 lola kanaan ajjeefamaniiru jetti. 

Mootummaan Ameerikaa qondaala Hezboollaa Taabtaabaayi jedhamu irratti bara 2016 shororkeessummaan labsuun qoqqobbii irratti kaa'eera. 

Nama waa'eesaa odeeffannoo kenneefis badhaasa doolaara miiliyoona shanii dhiyeesseera. 

Gochaan nama kanaas qaama tattaaffii Hezaboollaa naannichatti leenjii waraanaa kennuufi meeshaalee dhiyeessuun ''tasgabbii dhabsiisuuf taasisuudha,'' jette.


Similar posts:

Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.

Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.

Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.

Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.