Haleellaa Meeshaa gurguddaa TPLF raawwatuun jiraattonni naannoon Affaar haala rakkisaa keessa jiraachuun himame.
Published Nov. 21, 2025, 12:31 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Torbee tokko dura gandoota Affaar jaha to’atee kan ture TPLF ammallee naannoo sanatti haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaa raawwataa akka jiru qondaalli olaanaan Naannichaa tokko himan.
Naannoo Affaaritti lakkoofsi namoota Gandoota akka Toonsaa fi Naannolee ollaa irraa buqqa’anii kuma 18 kan ga’e yoo ta’u, namoonni 11,000 ta'an hanga ammaatti gargaarsa namoomaa akka hin arganne qondaaltonni naannichaa “Ethiopia Insider” tti himaniiru.
Mootummaan Naannoo Affaar ibsa gara torbee lama dura baaseen “gareen TPLF” Aanaa Magalee ganda Tonsaa haleeluu fi gandoota 6 humnaan to’atan jechuun himate.
Tibbuma sana Bulchiinsi Yeroo Mootummaa Naannoo Tigraay ibsa guyyaa tokko booda baaseen, humnoonni TPLF “Naannoo Affaar weeraree akka hin jirre himuun, himannaa MN Affaar TPLF haleellaa narratti raawwate jedhu haaluun isaa ni yaadatama.
Qondaalli Ganda Toonsaa tokko akka jedhanitti hidhattoonni “humnoota Tigraay” jedhanii waaman kunneen ammallee naannoo Milkii, Warea, Mila, Kerefetu, Kasobera fi Keremuga torban lama dura to’annaa jala oolchaan ammas gadihindhiisnee jedhan.
Jiraattonni gandoota kanarraa buqqa'anis mana barumsaa ganda Arorii keessattiifi gariin ammoo muka jala gaaddisa godhatanii
haala rakkisaa keessa jiruu jedhan.
“Ethiopia Insider” Odeeffannoo raayyaa ittisa biyyaa irraa mirkaneeffadheera jedheen, humnoonni TPLF ammallee dhuguma naannicha buufatanii jiruu jedhe.
“Ethiopia Insider” bilbilaan dubbisuu kan hime ittigaafatamaan ganda Tonsaa, “humnoonni Tigraay” darbee darbee meeshaa gurguddaa dhukaasaa akka jiran mirkaneeffadheera jedha.
Milishoonni Affaaris gandoota Humnoota TPLF'n qabaman kana ittdhiyeenyaan hordofaa akka jiran himan. Naannichatti waraanni deebi'ee ka'uuf ajaja humnoota olaanoo qofa akka eeggatanis himameera.
Similar posts:
Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame
Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa guddaa kan kafalan obbo Waldayohaannis Hundee du'aan addunyaa kana irraa boqotan.
Jilli Tiraamp sodaa basaasaa irraa kan ka’e Chaayinaa gadhiisuu isaa dura bilbilootaa fi kennaa barbadeessuun ibsame.
Sanyiin Vaayirasii Iboolaa Haaraa Talaallii Hin Qabne RDC Keessatti Tatamsa'aa Jiraachuun barame.