Dhaabbanni Mirga Namoomaa irratti hojjatu Oromia Support Group jedhamu dhiittaan mirga namoomaa bal'aan Itoophiyaa keessatti raawwataamaa jira jedhe.

Published Nov. 21, 2025, 1:31 p.m. by FNN Staff

285



ODUU FNN

Dhaabbanni Mirga Namoomaa irratti hojjatu Oromia Support Group dhiittaan mirga namoomaa bal'aan Itoophiyaa keessatti raawwataamaa jira jedhe.

Dhaabbatichi gabaasa bal'aa haala namoomaa, siyaasaa fi waraanaa Itoophiyaa dabalatee gaanfa Afrikaa keessa jiru irratti gabaasa fuula 70 qabu Sadaasa 20 bara 2025 kaleessa kan baase yoo ta'u Itoophiyaa keessatti cabiinsi mirga namoomaa, ajjeechaan jumlaa, mormiin hawaasaa akkasuma qajeelfamoonni dhaabbilee siviilii danqan hedduun jiraachuu eere.

Akka Oromia Support Group jedhutti fulbaana 9 bara 2025 Manni Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yaa'ii isaa 60ffaa adeemsise irratti “Haalli mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jiru yaaddessaa jedhe.

Biyyatti keessatti Mirgoota yaada bilisaan ibsachuu, mirga walgahuu paartii fi jaarmayootaa ugguramee jira jechuun ibse.

Dhaabbilee siiviilii fi Gaazixeessitoonni bakka doorsifamaa jiranitti filannoon biyyatti 7ffaan bara 2026 keessa adeemsifamuuf jira jechuun yaaddoo qabu ibsu Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Oromia Support Group ibsee jira.

Dhiittaan mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu hedduun mootummaa fi hidhattootaan raawwatamaa jiraachuu dhaabbatichi eere jira.

Wal waraansa Oromiyaa, Amaaraa fi darbees Tigray keessatti mul'atuun miidhaan lammilee nagayaa irra gahaa jiraachuu eeree jira.

Oromia Support Group gabaasa isaatiin godinaalee fi magaalota Oromiyaa keessatti ajjeechaan jumlaa, hidhaan, saamichi qaamota nageenya mootummaatiin raawwatamaa jiraachuu eere.

Magaalota Oromiyaa kanneen akka Finfinnee, Shaggar, Adaamaa, Dirree Dhawaa akkasumas godinaalee Oromiyaa Shawaa bahaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kabaa, Arsii Lixaa, Arsii Harargee bahaa fi Harargee lixaa, Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Gujii bahaa fi Lixaa, Boorana, Bunnoo Badallee, Jimma, Iluu Abbaa Booraa dabalatee bakkeewwan birattii ajjeechaan raawwatama jira jedhe.


Similar posts:

Kora Mooskoon booda Yukireeniifi US mariif Filooriidaatti walga'uufi.

Godina Harargee Bahaatti Humnoonni Naannoo Somaalee Daangaa Ce'uun Lubbuu Namootaa Galaafachuun Barame.

Mootummaan naannoo Somaalee godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaksan irratti duula jabaa banuun dhagahame.

Sudaan meeshaalee waraanaa barbaacha Raashiyaaf buufata doonii waraanaa laachuf waliigaltee waggaa 25 dhiyeessite