Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa “ministeerri barnootaa dhimma amantaa keessa seenuufi heeraa sarbe” jechuun himate.

Published Nov. 20, 2025, 1:11 p.m. by FNN Staff

250



ODUU FNN

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa ibsa baaseen, qajeelfamoota Ministeera Barnootaa irraa kennaman balaaleffachuun,  kun barattoota Musliimaa uffata amantaa isaanii irratti hundaa’uun qooda jedhe. 

Pirezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa  Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa, sarbamni mirga barattoota dubartoota Musliimaa irratti xiyyeeffate hatattamaan dhaabbachuu qaba jechuun, dhorkii niqaabaa dabalatee, dhorkiiwwan uffatarra kaa’aman “barattoota musliimaa qooduf duula itti yaadamuun taasifamaa jirudha” jechuun ibsan.

‘’Roorroo Ministeerri Barnootaa dubartoota Musliimaa sababa uffataa Islaamaa isaanii qofaan irratti raawwatu gonkumaa hin fudhannu, ni falminas,’’ jedhan.

Itti dabaluunis, ministeerichi hijaaba eeyyamee niqaaba dhorkuun akka “dhimma amantaa keessa galuutti” ilaallama jechuun,  “obsi hawaasa Musliimaa kutannoo nageenya biyyattiif qaban agarsiisa” jedhan. 

Mootummaan tarkaanfii atattamaa akka fudhatus cimsanii gaafatan.

Manni maree kun koree miseensa 17 sarbiinsa irra deddeebiin raawwataman qorataniifi furmaatawwan yeroo dheeraa dhiyeessan hundeessuu beeksise.

Manneen Maree Naannolee Mana Maree Waliigalaa waliin dhaabbachuun imaammatichi akka dhaabbatu waamicha dhiyyeessan

Ibsa manni maree waliigalaa baase hordofuun, Manneen Maree Olaanoo Dhimmoota Islaamummaa  naannolee gara garaa   deebii qindoomina qabu kennuun,  mana maree waliigalaa waliin akka dhaabbatan  ibsan. 

Dhorkaawwan uffatarra kaa’amaniifi barnoota Gi’iizii marii malee barattoota irratti fe’ame dabalatee “imaammatawwan loogii” jechuun kan ibsan balaaleffatan.

Manneen maree naannoolee Amaaraa, Gaambeellaa, naannolee Kibbaa Itoophiyaafi magaalaa Finfinnee tarkaanfiiwwan fudhataman heera kan faallessanidha jechuun, Ministeerri Barnootaa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa waliin akka mari’atuufi qajeelfama mirga amantaa sarba jedhan akka addaan kutu dhaamaniiru.

Manni marichaa, Ministirri Barnootaa “ergaawwan uffannaa barattoota dubartoota Musliimaa irratti darban ilaalchisee qajeelfama sirreeffamaa akka baasufi Mana Maree Waliigalaa ifatti dhiifama akka gaafatan” gaafatee jira.

Ministeerri barnootaa gama isaatiin manneen barnootaatti Hijaabni hin dhorkamne Niqaabatu dhorkamee jedha.

Niqaamni sababni itti manneen barnootaatti dhorkame niqaamni fuula nama uffatee waan golguuf nageenya hawaasa mana barnootaa eeguuf rakkisaa waan ta'eefii jedhe.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan