Wiixata kaleessaa halkan magaalaa guddoo Hindii Niiw Deelii naannoo Fort Fort jedhamutti boombiin konkolaataa irratti dhooheen lubbuun namoota 13 darbuu fi 20 madaa’uu qondaaltonni himan.

Published Nov. 11, 2025, 7:43 p.m. by FNN Staff

582




ODUU FNN

Hinditti dhohiinsa boombii konkolaataa irratti muudateen yoo xiqqaate namoonni 13 du'an. 

Wiixata kaleessaa halkan magaalaa guddoo Hindii Niiw Deelii naannoo Fort Fort jedhamutti

boombiin konkolaataa  dhooheen lubbuun namoota 13 darbuu fi 20 madaa’uu qondaaltonni himan. 

Dhohiinsi kun kan raawwatame konkolaataa Hyundai i20 naannoo buufata meetroo Red Fort jedhamutti. 

Dhohiinsi kun kan muudate erga poolisiin Jammu fi Kashmir gamoolee mana jireennaa lama Hariyaanaa, Faridabad keessatti argaman keessaa dhoo’aa gara kiiloo 3,000 ta’u erga argateen booda sa’aatii muraasa booda jedhameera. 

Yeroo baay'ee akka xaa’ootti kan itti fayyadaman garuu gara boombii lubbuu namaa galaafatutti jijjiiramuu kan danda’u ammooniyeem naayitreetii kiiloo giraama 350 ta’u argameera. 

Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodiin dhohinsa lubbuu namaa galaafate kanaaf kan itti gaafataman hundi seeratti akka dhiyaatan himaniiru. 

Bakka dhohiinsi kun Butaan keessatti muudate kan daawwatan Moodiin, taatee suukaneessaan Delhii keessatti muudate nama mara akka malee gaddisiiseera jedhan. 

Gadda maatii miidhamtootaa naaf gala. Har'a sabni guutuun isaan waliin jira jedhaniiru. Kaleessa galgala dhaabbilee dhohiinsa kana qoratan waliin wal arguun eennu akka gocha badii kana hojjetee "baruufi" fi itti gaafatamummaa akka fudhatu waadaa galuun dubbataniiru. 

Konkolaataan magaalaa guddoo Hindii Delhiitti naannoo Red Fort dhoohe Hyundai i20 kan suuta socho'aa ture ta'uu poolisiin beeysiseera. 

Komishinarri Poolisii Delhii Saatish Golcha gaazexeessitootatti akka himanitti konkolaataan kun ibsaa tiraafikaa diimaa irratti dhaabbate. 

Konkolaataan kun yeroo muraasa booda dhoohee konkolaattota naannoo sana jiran miidheera. 

Qorattoonni abbaa qabeennaa konkolaataa jalqabaa konkolaataan kun ammallee maqaa isaatiin galmaa’uu isaa erga arganii booda to’annaa jala oolchuu isaanii himaniiru jechuun Dagu Journal gabaaseera.


Similar posts:

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame

Qabsoo Oromoo keessatti aarsaa guddaa kan kafalan obbo Waldayohaannis Hundee du'aan addunyaa kana irraa boqotan.

Jilli Tiraamp sodaa basaasaa irraa kan ka’e Chaayinaa gadhiisuu isaa dura bilbilootaa fi kennaa barbadeessuun ibsame.

Sanyiin Vaayirasii Iboolaa Haaraa Talaallii Hin Qabne RDC Keessatti Tatamsa'aa Jiraachuun barame.