Godinaalee Oromiyaa mara keessatti dararriin mootumma PPtiin ummatarra ga’aa jiru kan yeroo kamii caalaa jabaachuu jiraattonni dubbatan.
Published Nov. 10, 2025, 3:20 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Maqaa deeggaraa WBOti, Milishaa leenjifnaa, gibira kaffaluu diddaniif maqaalee kanneen biroo ittii maxxansuun ummata nagaa mana hidhaatti guuraa jiraachuu fi kan mana hidhaas jiran ajjeesuu, qaama miidhuu fi dararaawwan biroo irratti raawwatamaaa jiraachuu jiraattonni maddeeniif himanii jiru.
Bifuma Kanaan, Godina Arsii Ona Roobee Ganda Indatoo Walta’ii, Ganda Qaakoo Adda jaboo, Ganda Qillisaa Dambalitti Guyyaa 27/2/2018 ALItti Namoota qabeenya saamamanii fi manni jalaa gubate kan maqaan nu qaqqabe keessaa..
1.Abbaa Ammiiyyoo jaarsa wagga 70
2.Ahmada
3.Abbaa Nuura manguddoo Wagga 80
4,Nuura
5,yuusuf.
6,Turee
7,Ganna Waliyyii
8,Abba Arabee
9,Bahmud Rashid
10,Abba Jawaar.
11,Abdulkariim
12,Bahmud bakaroo
13,Muftii Amaan
14,Abba Junaa Jaarsa Wagga 75
15,Mamad Amaan
16,Huseen Fatoo
17,Abba Umar Manguddoo Waggaa 79
18,Aminaa Gobe
19,Ahmad Aman
20,Abdul wahid sayidi
21,Xahir Nura
22,Samaraa Huseen
23,Qaasoo Saddoo
24,Jawaroo Gobe
25,Huseen Kadiro
26,Hulle Adam
27,Ismail Aloo
28,Qasim Tilmaa
29.Tiroo Tilmo
30.Aman Qaso
31.Umar K/kadir fi Dubartoota 50 ol Daa'immanii fi ijooleen dubraa kan keessatti argaman fi mucaa Dubraa Ganna 12 mustariyaa jedhamtu rasaasaan rukutamtee yaala dhabdee du'aaf jireenyaa gidduu jiraachuu jiraattonni maddeeniif ifoomsanii jiru.
Kana malees Godina Baha Shaggar magaala Maqii Sadaasa 6,2025 waraanni mootumma pp halkan manneen jiraattotatti cabsanii ol seenuun seera cabsite, galgala rondi bahuu didde jechuudhaan jiraattota mana hidhaatti guuraa jiraachuun barame.
Bifuma wal fakkaatuun, Kaaba Oromiyaa godina Walloo Ona Daawaa Caffaa magaalaa Qalloo irraa Sadaasa 5,2025 milishoonni PP qonnaan bulaa fi abbaa maatii nama maqaan isaa Adam Sayid jedhamu maqaa "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jedhu itti maxxansuun garmalee erga reebanii ukkaamsanii Ona Daawaa Caffaatti hidhuu jiraattotni magaalichaa dabaluun ibsaniiru.
Onuma Daawaa Caffaatti Sadaasa 3,2025 hidhattootni sirnichaa qonnaan bulaa maqaan isaa Hasan Indiris jedhamu kan ganda Gooroo (Dimbarroo) irraa gara magaalaa Kamisee osoo deemaa jiruu badii tokka male itti marsanii qabuun reebicha ulfaataa eerga irratti raawwatanii onichumatti hidhuu jiraattonni maddeeniif gabaasanii jiru.
Similar posts:
Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.
Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.
Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.