Filannoo Taanzaaniyaa gaggeeffame Pireezidaantiin biyyatti Saamiyaa Suluuhuu moo'achuun barame.
Published Nov. 1, 2025, 4:03 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Mormiin kan itti jabaate Filannoo Taanzaaniyaa Pireezidaantiin biyyattii injifachuun himame.
Filannoo Taanzaaniyaa gaggeeffame Pireezidaantiin biyyatti Saamiyaa Suluuhuu sagalee guddaa argachuun injifachuu Koomishiniin Boordii Filannoo Taanzaniyaa ibse. Kunis wayita dorgomtoonni paartii mormituu hidhaa jirani fi filannoorraa ugguraman yoo tahu, taateen kunis hiriira mormii cimaa guyyootaaf tureef sababa ta’eera.
Koomishiniin Filannoo Biyyaalessaa Taanzaaniyaa, bu’aa harra ifoomseen, Pireezidaantiin Taanzaaniyaa taayiyaataarra jiran Saamiyaa Suluuhuu, buufataalee filannoo Aanotii biyyattii mara irratti sagalee walii galaa guddaa ta’e dhibbeentaa 97.66n injifachuu ifoomse.
Kana hordofees sagantaan kakuu aangoo fudhannaa isaanii Sambata akka gaggeeffamu Televiszyiniin biyyaalessaa biyyattii dabalee ifoomseera.
Paartiin Mormituu biyyattii Chadema jedhamu wayita biyyattiin filannoo gaggeessitu kana mormiin Roobii darbee kaasee mudate hordofee namooti dhibbaan lakkaawaman du’aniiru jechuun ibse.
Similar posts:
Naannoo Affaariitti eddoowwan humnoonni TPLF too'atan, jiraattonni buqqa'uun barame.
Manni Maree Paartilee haalli seeraa fi nageenyaa biyyattii filannoo walabaa gaggeesuuf ni danqa jechuun akeekkachiise; haaromsas gaafate
Masiriin, biyyoonni Daangaan isii qarqara Galaanaa hin daangeessine dhimma Galaanaa keessaa harka fudhachuu qabu jechuudhaan Itiyoophiyaa akeekkachiifte.
Magaalaa Finfinnee keessatti ji'a sadii keessatti balaan tiraafikaa kuma saddeetii ol gahuun ibsame