Baankiin Addunyaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti qaalayiinsi dabaluu akka danda’u akeeke
Published Oct. 7, 2025, 12:18 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Diinagdeen biyyoota Afrikaa kanneen Sahaaraa gadii bara kana keessa 3.8 % saffisaan guddachuuf kan eegamu yoo ta’u, kunis gatii tasgabbaa’aa kan qaamolee imaammata baasan siyaasaa maallaqaa tasgabbeessuuf jalqaban irraa kan madde ta’u Baankiin Addunyaa Kibxata har’a ibseera. Waggoota lamaan dhufan keessattis sochiin kun ni dabala jedhamee eegama.
Baatii Eblaa keesssa guddinni 3.5 % ture sharafa alaa fi qaala’iinsa jireenyaa biyyoota akka Itoophiyaa keessatti tasgabbeessuun, kuufama dhala hir’isuuf kan ooluu ta’uu baankichi gabaasa Afrikaa Puulsii jedhamu kan waggaa lamaa keessatti yeroo tokko baaseen ifoomseera.
''Haalli mijataan kun itti fayyadama dhuunfaa fi invastimantii dandamachiisuuf haala mijaataa uummaa jira,'' jechuun baankichi gabaasa isaa keessatti ibseera. Haa ta’u malee, tattaaffiin walitti makamuu faayinaansii dinagdee tokko tokko keessatti mul'atu saffisa dandamachuu to’achuu akka danda’u gabaasichi akeekkachiiseera.
Waggoota lamaan dhufan keessatti guddinni waggaatti giddu galeessaan 4.4 %n akka dabalu baankichi ibseera. Kunis tilmaama jalqabaa 4.3 % ture irraa xiqqoo kan fooyyeessuu ta’u gabaasichi eerera.
Baankichi tilmaama guddinaa biyyoota kanneen akka Itoophiyaa, Naayijeeriyaa fi Ivoory koast dinagdee gurguddoo naannichaa hundaa fooyyessen, galiin qabatamaan bara kanaa fi waggoota lamaan dhufanitti saffisaan guddachaa akka jiru Baankiin Addunyaa beeksiseera.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan