Sheeh Gunjaa Roobalee hudhattoota mootummaatiin ajjeeffaman

Published Oct. 6, 2025, 2:56 p.m. by FNN Staff

592



ODUU FNN

Godina Arsii Ona martiitti hawaasa biratti kan beekaman Sheeh Gunjaa Roobalee humnoota mootummaatiin ajjeeffamuu  jiraattonni himan.

Jiraattonni maddeeniif yaada kennan akka jedhanitti  Sheeh Gunjaa waliin nama sadiitu qabamee ture jedhan.
Erga qabanii booda bakka biraa oolchanii erga bulchanii booda lubbuu isaanii dabarsuu himan.
Maatiin reeffa kaasee awwaaluuf jennaan humnoonni mootummaa dhorkaa akka turanis himaniiru.


Sheeh Gunjaa Roobalee godina Arsii ona Martii ganda Moollamee Arja'oo jedhamutti dhalatanii kan guddatan yoo ta'u, bara sirna wayyaanee irra deddeebiin hidhamaa fi dararamaa turuus maatiin dubbatanii jiru.
Qabsoo uummata Oromoo keessatti gumaacha olaanaa gumaachaa akka turanis jiraattonni himu.
Humnoonni mootummaa nama nagaan jiraatu kana ajjeesuun akkaan uummata mufachiisee jedhu maddeen.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan