TPLF walii galteen nagaa Pretoria “Yeroo kamuu caalaa Sodaa hamaa keessa jiraachuu beeksise.
Published Oct. 31, 2025, 1:25 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
TPLF walii galtee nagaa #Pretoria “Yeroo kamuu caalaa Sodaa hamaa keessa jiraachuu beeksise.
Addi Bilisummaa Uummata #Tigraay (TPLF) mootummaan Itiyoophiyaa Waliigaltee Nageenya Piriitooriyaa cabsuu fi diiguu himachuun, waliigaltichi “yeroo kamiyyuu caalaa balaa hamaa keessa jira” jechuun akeekkachiise.
TPLF ibsa Kamisa kaleessaa baaseen, mootummaan federaalaa waraanni Tigraay xumuruuf Adoolessa bara 2022 mallattaa’e keessatti tumaalee ijoo hojiirra oolchuu dadhabuu isaa ibseera. Gareen kun humnoota kutaalee Tigraay dhuunfachuu itti fufan hidhachiisuu fi deeggaruun akkasumas jiraattota qe’ee isaanii irraa buqqa’an akka deebi’an gufachiisuun “motummaan Itiyoophiyaa waliigaltee kana hiika akka hin qabne gochuuf hojjechaa tureera” jechuun himate.
Haasaa MM Abiy Ahimad tibbana paarlaamaa keessatti taasisan eeruun, wayyaaneen waraana kana “waldhabdee ji’a lamaa” jechuun amala godhachuun “duuguugiinsa sanyii waggaa shaniif Tigraay keessatti raawwatame xiqqeesse jechuun komachuu ibsa kana keesaatti ifoomsee jira.
Ibsichi akka jedhetti dubbiin kun “hammam du’aa fi gidiraa ummata Tigraay irratti qoosaa akka jiruu fi gaaga’ama darbeef hammam akka hin gaabbiin kan agarsiisudha” jedhe.
TPLF dabalataan muummichi ministeeraa buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti deebi’uu caalaa rifarandamii dursa kennuu isaanii himattee, mootummaan “lafaa fi ummata Tigraay dimogiraafiidhaan jijjiiruuf” hojjechaa jira jechuun himatteetti.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan