Itiyoophiyaa keessatti daa’imman %12 qofti barnoota sadarkaa 1ffaa akka xumuran gabaafame.

Published Oct. 29, 2025, 7:50 p.m. by FNN Staff

500



ODUU FNN 

Gabaasni Hordoffii Barnoota Addunyaa (Global Education Monitoring) fi Gabaasa Afriikaa Giddu-galeessa Hoggansa Manneen Barnootaa Spotlight mata duree Lead for Foundational Learning jedhuun ba’e akka agarsiisutti, Itoophiyaa keessatti daa’imman dhibbeentaan 12 qofti barnoota sadarkaa tokkoffaa xumuruun gahumsa barnootaa isa gadi aanaa ta'uun galmaa'e.
 Gabaasni UNESCOn baase akka ifoomsetti sadarkaan barumsa waliigalaa guutuu Afrikaattis kan kanaan dura yaadame gadi ta’uu agarsiisa. 
 Gabaasni kun kan ba’e wantoota hedduu sirna barnootaa Itoophiyaa duraanuu dadhaboo ta’e kana daran dhiphisan hordofee akka ta'es ragaaleen ba'an ni mul'isa. 
Akka gabaasa kanaatti keessattu naannolee akka Amaaraa, Oromiyaa, fi Tigraay keessatti manneen barnootaa sababa waraanatiin buqqa’iinsa uumata, manca'iinsa manneen barnootaa fi kanneen biroorraa kan madde ta'uu gabaasichi ifoomsee jira. 
Inumaayyuu  waldhabdee bira darbee, hanqinni diinagdee, wabii nyaataa dhabuu fi bu’uuraalee misoomaa gahaa ta'an dhabuun rakkoo kana ittuu cimsuus ifoomsee jira.
Waldhabdee waggoota torbaaf naannicha keessatti mudate gidduutti manneen barnootaa hedduun cufamanii ykn barbadaa’anii waan jiraniif barattoonni dirqiin barnootaa akka adda kutan taasifamanii jiru.
 Haaluma walfakkaatuun Tigraay keessatti daa’imman gara miliyoona 1.2 ta’an ummurii barnootaaf ga'an keessaa %46, bara barnootaa kana akka barnootaaf galmaa'an Biiroon Barnootaa naannichaa beeksisuus gabaasni kun ifoomsee jira.
Haala Oromiyaa fi Tigraay waliin wal fakkaatuun naannoon Amaaraas barnoota irratti jeequmsa gurguddaan muddatee jira jedha gabaasichi.
Bara barnootaa kana barattoonni miliyoona 7.4 keessaa barattoota miiliyoona 2.9 qofti barumsaaf kan galmaa’an yoo ta'u, kunis baay'ee gadi aanaa ta'uu ifoomsee jira.

 


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan