Liqaan Itoophiyaarra jiru walii galaan biliyoona 23 hin caalu jedhan ministeerri Itoophiyaa Abiyyi Ahamad.
Published Oct. 28, 2025, 12:27 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Liqaan waliigalaa Itoophiyaarra jiru doolaara biiliyoona 23 hin caalu, biyyattiin liqaa irra jiru kaffaluuf rakkoo homayyuu hinqabdu” - Abiy Ahimad
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) gaafilee miseensota mana mareerraa dhiyaataniif deebii kennaniin, Waliigalaan liqaan Itoophiyaarra jiru doolaaraa biliyoona 23 ta’uu himuun, kanas ofirraa kaffaluuf rakkoon tokkoyyuu akka hin jiraanne ibsan.
Mariin liqaa Yuurooboondii ilaalchisee taasifamaa ture waliigalteen irra akka hinga'amne mirkaneessuun, kunis liqeessitoonni dinagdeenifi alergiin keessan saffisaan guddachaa jira waan ta’eef liqaa isinirra jiru kaffaluu dandeessu jechuun waliigalticha raawwachuu dhiisu dubbate.
Idaan doolaara biiliyoona afurii haga 4.5 ta’u yeroon itti kaffalamu akka dheeratu taasifamuu himuun, jijjiirama biyyaalessaa waliin walqabatee mootummaan liqii daldalaa doolaara tokkollee hin fudhanne jedhan.
“Itoophiyaan idaa keessatti argamti kan jedhu sirriidha” jechuun,garuu birqabaafi lakkoofsaan yoo ilaalame biyyoonni diinagdee gurguddaa qaban liqaa Itoophiyaa “dachaa heddu caalu” akka ofirraa qaban himan.
itoophiyaan idaa liqaa irra jiru kaffaluu dadhabuun, baankileen addunyaa himata seeraa irratti banuuf akka jiran gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan