Hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo godina Wallagga Bahaatti sochii uummanni taasisu danqaa jiraachuun barame.

Published Oct. 27, 2025, 2:55 p.m. by FNN Staff

474



ODUU FNN

Hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo godina Wallagga Bahaatti sochii uummanni taasisu danqaa jiraachuun barame.

Jiraattonni maddeeniif akka yaada isaanii kennanitti Uummanni Aanaalee garaagaraatii sochii gara magaalaa Naqamteetti taasisu danqaa jiraachuu dubbatan.

 Aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Eebantuu, Haroo Limmuu fi Limmuu Galiilaatii sochiin geejibaa gara magaalaa Naqamteetti taasifamu sababa hidhattoota garee kanaatiin gufataa jiraachuu dubbatan.

Hidhattoonni finxaaleyyiin hawaasa nagaa fakkaatanii godinicha keessa qubatanii jiran imaltoota ukkaamsuun maallaqa guddaa gaafachuu ibsanii, imaltoota irratti haleellaa bananii lubbuu namaa dabarsuuttis jiruu jedhan.

Sababii kanaan uummanni karaa gara magaalaa Naqamteetti imalu dhabuu eeranii, konkolaachiftoonnis sodaa nageenyaaf jecha karaa sana irra imaluu akka didaa jiran dubbataniiru.

Mootummaan humna guddaa bobbaasee hidhattoota kanneen akka adamsu kan gaafatan jiraattonni, warreen hidhannoo seeraan alaa hidhatanii gaaf kaan nama nagaa yeroo biraa immoo hidhattoota Faannoo ta'anii socho'an hidhannoo akka irraa hiiku gaafataniiru.

Godina kana keessatti gochi wal fakkataan akkasii yeroo hedduu irra deddeebiin raawwatamaa kan ture ta'us, dhimma kanaaf mootummaan furmaata waaraa fiduu akka hin dandeenye jiraattonni maddeeniif himanii jiru.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan