Balaa Hagayya 3/2025 Bidiruu godaantota feetee deemaa turterra qaqqabeen namni 90 du'uun gabaafame.

Published Oct. 27, 2025, 2:39 p.m. by FNN Staff

430



ODUU FNN

Akka gabaasni baye ibsutti bidiruun nama 200 ol feetee imalaa turte qarqara galaana edan irratti dhidhimuun lubbuun namoota 90 olii kan galaafataman yoo ta'u, baqattoonni kunniin  hundi isaanii kaaba Itiyoophiyaa Tigraay irraa kan dhufan ta'uus maddeen eeranii jiru. Viidiyoon gabaabaan toora interneetii irratti ba'e reeffa isaanii yeroo qarqara galaanaatti dhiqaman agarsiisa jedhame, Uffataa fi faaya isaanii irraa, naannoo kibba Tigraay Raayaa irraa akka dhufan ni mul'isa.
 Bara 2020 hanga 2022 gidduutti lola hamaa kanaan dura muuddateen namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman  du’uun kan yaadatamuudha.
Amma waldhabdeen #Itoophiyaa fi #Ertiraa jidduutti hammaataa dhufuun, Tigraay keessaa murnoonni adda addaa ammas lolaaf qophii taasisaa jiru. Waldhabdeen biraa waan hin oolle fakkaata.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan