Dhabbaata Siivilii fi waraanaa Aveshinii Dajan keesaatti loogii hamaan jiraachuu hojattoonni himan.

Published Oct. 22, 2025, 3:23 p.m. by FNN Staff

407



ODUU FNN

Dhabbaata Siivilii fi waraanaa Aveshinii Dajan keesaatti loogii hamaan jiraachuu hojattoonni himan.
Hojjettoonni Siivilii fi waraanaa dhaabbata Aviyeeshinii Dajan ogummaa isaanitiin hojjetan loogii hamaan nurratti raawatamaa jiraa jedhan.
Akka hojattoonni dhaabbatichaa maddeeniif yaada kennanitt osoo nuti ogummaa keenyaan dirqama ogummaa keenyaa ba'annee hojachaa jirruu nu hojiirraa nu ugguranii lammiilee biyyoota alaa qofaaf carraa hojii kennaa jiraachuu dubbatan. 
Dhaabbanni Aviyeeshinii Dajan (DAVI) hojii suphaa xiyyaara waraanaa gosoota garaa garaa namoota ogummaa adda addaa qabaniin hojii aviyeeshinii geggeessaa ture. Haa ta'u malee mootummaan PP naamusa hojii  fi hojjetaa hin kabajne adeemsa seeraa tokko malee fi labsii tokko malee  mirga hojjettoota dhaabbata Aviyeeshinii Dajan hojii isaanirraa ugguruun lammiilee biyya alaa qofaaf heyyamuun hojattoota kana hojiirraa dhaabuun rakkoof saaxilamaa jiraachuu hojattoonni maddeeniif himan.
Dhaabbatichi dhufaatii sirna PP dura haala baratamaa dambii ba'een hojjechaa kan turee fi biyyoota kannen akka Afrikaa Kibbaa, Moozaambikii, akkasumas Yukreen waliin hojjettoonni dhaabbatichaa hariiroo gaarii kan qabaachaa turan ta'uu odeessi hojattootarraa arganne ni ifoomsa.
Dhaabbatichi kanaan dura biyyoottaan olii kana waliin hariiroo gaarii hojii fi hojjetaa qabaachuun waliin hojjatanii galii bu'a qabeessa dhaabbatichaa fi miindaa madaalawaa ta'e argachaa kan turan  ta'u, namoonni nageenyummaa isaaniif maqaan akka eeramu hin barbaanne maddeeniif himanii jiru.
Dhaabbatichi tajaajila hojiilee suphiinsa xiyyaara gosa garaa garaa kan baallee sochootuu 'rotary wing' fi baallee dhaabbataa 'fixed wing' kanneen akka helikooptera lolaa "bomber' fi kan geejjiba waraanaa, L-39 'bomber', mi -8 fi mi -17, Antonov, mig -21, mig-23 diroonii fi SU-27 kan dhaabbata Humna Qilleensaa mootummaa PP keessatti kan argamu hojjettoonni ogummaa Injiinaringii Elektirikaalii fi Mekaanikaalii akkasumas electirooniksii fi kanneen biroo irratti kan hojjetaa turan yoo ta'u, haalli kun amma guutummaatti jijjiiramee carraan hojii lammiilee biyya alaa kanneen akka Chaayinaa, biyyoota Arabaa akka Beelaarus fi Turkii bakka isaanii buusuudn dhalattoonni biyya keessaa guutummaatti ari'amuu himan.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan