Balaa baaburaa muudateen namoonni 14 yoo du'an, 29 miidhaman

Published Oct. 21, 2025, 11:34 a.m. by FNN Staff

424



ODUU FNN

Balaa baabura Wiixata galgala sarara Dirre Dhawaafi Dawwallee irratti muudateen namoota 14  lubbuun darbuun 29 balaa cimaan irra ga'uun barame.
 
Balaan kun halkan keessaa sa’a 8:00 titti naannoo Somaalee ganda Shinillee keessatti muudachuu odeeffannoon TV naannichaa Dirree TV bunchiinsa aanaa caqasuun baase ni ibsa. Baaburri geejjiba ummataa imaltoota baatee  Dawwallee gara Dirre Dhawaa osoo deemaa jiruu balaa kun muudachuu eerame.
 
Suuraaleen tattaaffiin baraarsaa gaggeeffamaa  ture agarsiisanis,   sababni balaa kanaa bal’inaan hin ibsame.
 
Daandiin Dirre Dhawaa–Dawwallee qaama  sarara baaburaa seena qabeessa, Faransaayiin ijaarame, sarara dhiphoo magaalaa Dirre Dhawaa Itoophiyaa fi magaalaa daangaa Dawwallee gidduutti deemu keessaa tokko.


Similar posts:

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan

Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame

ODUU TORBAN KANAA.