Hoggantuun duraanii Baangilaadesh fincilaan aangoorraa kaate murtee du'aan akka adabamtu gaafatame

Published Oct. 17, 2025, 2:45 p.m. by FNN Staff

536



ODUU FNN

Hoggantuun duraanii Baangilaadesh fincilaan aangoorraa kaate murtee du'aan akka adabamtu gaafatame.

Hoggantuun duraanii Baangilaadesh fincilaan aangoorraa kaate sheekii Hasiinaa murtee du'aan akka adabamtu abbootiin alangaa gaafatan.
Abbootiin alangaa Baangilaadesh MM duraanii biyyattii Sheekii Hasiinaa yakka fincila aangoo irraa ishee buuse irratti hojjetteef murtiin du'aa akka irratti murtaa'u gaafatamuu midiyaaleen gurguddoon addunyaa beeksisan.

Akka gabaasa kanaatti fincila barattootaa guddaatu Sheekii Hasiinaa aangoo irraa buuse. Yeroo sana barattoonni ajjeefamuu fi hidhamuun mootummaa isheen gaggeeffamaa ture.

Hasinaan fincilli hammaannaan gara Hinditti baqatte. Yakka namoomaa hojjechuun himatamtee ammayyuu qorannoon irratti gaggeeffamaa jira.

Humnoonni nageenyaa finciltoota irratti ''meeshaa waraanaa'' akka fayadaman ajajjeetti jedhamuun himatamtee kan turte taatuus isheen himata kana haalteetti. Fincilicha irratti namoonni gara 1,400 tahan ajjeefamaniiru.

Fincilichi bulchiinsa Hasiinaa waggaa 15 turetti xumura godhe kan ture yoo ta'u, erga waraanaan bara 1971 bilisummaa ishee argattee as fincila hamaa akaksii keessummeesitee hin beektu.

Hogganaan abbootii alangaa Tajul Islaam, Hasiinaan murtee du'aa 1,400 tahuun adabamuu qabdi jechuun kan gaafatan ta'uus haga yoonaa kan hin murtaa'iin ta'uun ni beekkama.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan