USA Mootummaa DRC fi garee Finciltoota M23 jidduutti hordoffii dhukaasa dhaabuu fi waliigaltee mirkaneessuu simatte.

Published Oct. 15, 2025, 2:45 p.m. by FNN Staff

533



ODUU FNN

Ameerikaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu hordoffii fi mirkaneessuu Kaatar Dohaatti mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo(DRC)fi garee finciltoota M23 jidduutti taasifame gammachuudhaan simatte. 

Waliigaltichi waldhabdee waggoota dheeraaf baha Koongoo keessatti muudate dhaabuuf tattaaffii godhamaa jiru keessatti “tarkaanfii murteessaa” ta’uu Waajjirri Gorsaa Ol'aanaa Ameerikaa Dhimma Arabaa fi Afrikaa ibsa kenneen beeysiseera. 

Akka ibsichaatti, mala hordoffii fi mirkaneessuu haaraan kun kaayyoowwan ijoo armaan gadii galmaan ga’a: 

1• Waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuu kamiyyuu qorachuu fi mirkaneessuun itti gaafatamummaa ni dabala. 

2• Qaamolee wal lolan lamaan jidduutti wal amantaa uumuun marii nagaa itti fufiinsa qabuuf haala mijaawaa ta’e ni uuma. 

3• Naannoo waldhabdee keessatti waldhabdee uumamu hir’isuun nageenna namoota nagaa ni fooyyessa. 

Waliigalteen kun hojiirra oolmaa “Waliigaltee Nagaa Waashingitan” kanaan dura irra ga’amee ture saffisiisuun qaamota lachuu waliigaltee nagaa hunda galeessa ta’etti akka dhihaatu himama. 

Ameerikaan Hoggansa Kaatar adeemsa marii kanaaf haala mijeessuu isaaniitiif  galata guddaa dhiyeessiteetti. 

dabalataanis, waliigalticha guutummaatti hojiirra oolchuu fi baha Koongoo keessatti nagaa fi tasgabbii waaraa akka uumamu deeggarsa guutuu akka gootu waadaa galteetti. 

Gareen finciltootaa M23 baha Koongoo keessatti waldhabdee waggoota dheeraaf ture keessatti qooda guddaa kan qabu yoo ta’u, waldhabdee namoota miiliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’ee fi rakkoo namoomaa guddaa uumuun isaa ni beekama. 

Waliigalteen Dohaa rakkoo kanaaf furmaata waaraa argachuuf tarkaanfii abdachiisaa ta’uu ibsameera.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan