Oduulee Oromiyaa fi idila Addunyaa.
Published Oct. 14, 2025, 4:26 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Yuunvaristileen Itoophiyaa keessa jiran hedduun bara dhufurraa eegalee tajaajila biroof ooluu akka danda’an ministeerri barnootaa beeksise. Akka ministeerichi hibsetti, barattoonni yuunivarsiitii filatanitti barachuu akka danda’an erga jedhee booda, yuunivarsiitiiwwan hafan tajaajila biroof oolu jedhe.
Walgahii Ministera Barnootaa fi yuunivarsiitiiwwan mootummaa torbee darbe Jimaata Onkololeessa 10/2025 irratti haasaa kan taasisan Ministirri Barnootaa Birhaanuu Naggaa, waggoottan dhufan keessatti ramaddiin barattoota yunivarsiitii akka dhaabbatu fi barattoonni fedhii isaanitiin Yuunvaristii barbaadan filatanii akka baratan ibsan. Itti dabaluun Yuunivarsiitiiwwan barattootaan hin filatamne tajaajila biroof kan oolan ta’uu kan ibsan ta’us, Yuuvarsiitonnii kunneen tajaajila akkamiif akka oolaan ammaaf hin ibsine.
Yuunivarsiitiiwwan sirni baruu fi barsiisuu isaanii qulqullina olaanaa akka qabaatu gochuuf hojjachuun akka irraa eegamu kan dubbatamaa ture yoo ta’u, Ministirri Barnootaa Birhaanuu Naggaa kanaan dura yunivarsiitiiwwan mootummaa ulaagaa barbaadamu guutuu yoo dadhaban manneen barnootaa bultii addaatti akka jijjiiraman ibsuun isaanii ni yaadatama.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Rakkoo haleellaa hidhattoota finxaaleyyii Faannoo aanaalee godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa furuuf mootummaan tarkaanfii qindaa'aa fudhachuu akka qabu jiraattonni gaafatan.
Jiraattonni maddeeniif akka yaada kennanitti kan haleellaa raawwataa jiru hidhattoota finxaaleyyii nama nagaa fakkaatanii hawaasa naannoo Amaaraatii dhufee qubatee jiru keessa dahatanii jiranii fi humna dabalataa yeroo haleellaaf bobba'an jigii naannoo Amaaraatii waammataniidhaa jedhan.
Mootummaan Tarkaanfii qindaa'aa hin fudhatu taanaan hojiin hojjatamu hojiidhuma ibidda dhaamsuu malee furmaata waaraa fiduu akka hin dandeenye erga dubbatanii booda, Kanaan duras dhimmota Kanaan wal qabatee fafakkeessii hedduun akka ture muuxannoo kanaan dura qabanirraa yaaddoo qaban ibsatanii jiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, Kanaan dura waanti godhamaa turee hidhattoonni finxaaleyyiin duraan achi turanii fi warri jigiin tibba haleellaa dhufan haleellaa raawwatanii badii guddaa uummata irraan geessisu, itti aansee otoo haqni uummataa hin mirkanaa'inii fi warri badii geessise seeratti hin dhihaatin qabata araara jedhuun uummata walitti yaasanii araarri bu'e jedhanii dubbiin ukkaamfamee hafaa ture jedhan.
Inumaayyuu Caasaa mootummaa aanaalee kanneenii keessaa kan akeeka hidhattoota finxaaleyyii Faannoo deeggaran jiraachuu quba qabna kan jedhan jiraattonni, Bifuma wal fakkaatuun, caasaan Faannoo kun Uummata Abee dongoroo fi giddaa ayyaanaa keessa jiraatan hunda mana tokkotti qarshii kuma kudhan (10,000) murteessuun meeshaa waraanaa gurguddaa bitataa jiraachuu jiraattonni maddeeniif himan.
Haaluma Kanaan Abee dongroo keessaatti qindeessuummaa finxaaleyyii faannoo kanaan Tullu gaanaa, Caancoo fi bakkoonni biroon walitti dhufanii diishqaa tokko bitanii jiru, kana malees caasaan kun Aanaa Giddaa ayyaanaa Angar guutee fi naannoo ishee, Andoodee dichoo jiranis akkasuma maallaqa buufatanii dishqaa tokko bitaniiruuf!
Achuma giddaa ayyaanaa jala Ganda Alii fi naannoo isheettis uummata irraa qarshii funaanaa jiru, nama tokkotti 10,000 hanga 100,000 tti kennaa jira. Kana keessatti uummanni amaaraa nu fakkaatanii nu waliin jiraataan shoora guddaa taphachaa akka jiranis jiraattonni itti dabaluun ibsanii jiru.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Madagaaskaaritti Mormii cimee itti fufuu hordofee Pirezidaantiin biyyatti sodaa nageenyaaf jecha dhokatan
Mormii guutuu biyyattii dhuma baatii darbee irraa eegale itti fufaa jiruun prezidaantiin Maadagaaskaar Andirii Raajooyilinaa sodaa lubbuu isaatiif jecha bakka nageenya amansiisaa qabutti dhokachuu himan.
Raajoyiliinaan wiixata darbe hokkora biyyatti keessatti dhalateen gara bakka nageenya qabutti akka imale dilbaata dheengadda fuula Feesbuukii isaa irratti mirkaneessaniiru. Ga’eessi umrii 51 kun eessa akka jiru ibsuu baatullee, Raajolinaan dilbaata waaree booda haasaa televijiinii biyyatti kennuuf yaadame ture sababa “humnoonni hidhatani miidiyaa mootummaa to’achuuf doorsisaniif harkifachuu” waajjirri isaa fuula feesbuukii irratti ifoomsan.
Wiixata kaleessaa prezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon yaa’ii Masriitti taa’ame irraatti yeroo haasa’aa taasisan haala Maadagaaskaar irratti yaaddoo qaban ibsanillee, Raajooyiliinaan gara biyya Faransaayii baqachuufi dhiisuu irratti yaada kennuu irraa of qusataniiru. Dabalanis ''Har'aaf homaa isiniif mirkaneessuu hin barbaadu'' jedhe. Garuu dhimma kanaafi “Yaaddoo guddaa qabachuu keenya qofan ibsuu barbaada.” jedhaniiru. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii walitti bu’iinsa mormitootaa fi humnoota nageenyaa gidduutti uumameen yoo xiqqaate Madagaaskaar keessatti namoonni 22 ajjeefamuu ibse.
Maddi Ajaja Waraanaa tokko dhaabbata oduu Rooyitarsiif akka balbaloomsetti. Raajooyiliinaan dilbata darbe xiyyaara waraana Faransaay kan Kaasaa jedhamtuun Madagaaskaar irraa ka’uun, erga helikooptarri kuni gara buufata xiyyaaraa Saante Maar’ie qubateen booda Pirezidaantichi biyyatti gadi dhiisanii bahuu isaanii balinaan gabaasaan. Yeroof dhokatee bakki inni jiru ka hin beekamnee Raajooyiliinaan, tarkaanfii akkana kun “gocha seeraan alaa fi humnaan aangoo mootummaa qabachuuf yaalii taasifamee” jechuun balaaleffatteera.
Yaada isaa kana booda sa’aatii muraasa keessatti, kutaan waraanaa CAPSAT eeliti, kan fonqolcha mootummaa bara 2009 gaggeesseen Raajooyiliinaa gara aangootti fiduuf gahee olaanaa taphate waraana biyyattii to’achuu isaa ibseera. Kanaan duras hirmaattonni hiriira mormii “dhukaasa itti dhukkaafamuus” bittinaa’uu diduun gabafamaa turera.
Hirmaattonni hiriira mormii dargaggoota baayyee qaban kan maqaan ''Gen Z Mada'' jedhamu kennameef, kunneen dhaabsisuuf pirezidantichi baayyee yaalaa turanilleen hirirri humna isaaniiti olii ta’uun pireezdaantichi milkii malee bakka ammaafi hin beekamnetti dhokachuuf dirqamsiiseera.
Dhokachun dura garuu garee Mootummaasaanii hunda diiguun rakkoo walfakaataan lamuu akka hin uumamne waadaa seenullee, dargaggoonni tarkaanfiisaanii kanatti amanuu dhabuun, hiriirri cimee itti fufeera.
Kanaanis Dargaggoonni hanga pirezidantichi aangoo gadhiisanitti manatti hin deebinu jechuun dhaaddannoo dhaggeesisaa turaniru. Pirezidanti Raajoyiliinaan erga Roobii darbeetii bakka inni jiru hanga ammaa hin beekamnee, waajjirri isaanii fonqolchi mootummaa yaalamaa jiraachuu ibseera.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Bulchiinsi amala sirreessaa Israa'el Filisxeemota 1,968 gadhiise.
Tajaajilli amala sirreessaa Israa'el waliigaltee dhukaasa dhaau Gaazaarratti hundaa'iin waljijjiirraa hidhamtootaan Filisxeemota 1,968 hidhaarraa gadhiisuu beeysise.
Garee lamaan gadhiifaman. Kan jalqabaa mana hidhaa Ofer jedhamurraa kutaa Weesti Baank isa kan biraatti ergaman.
Gareen inni lammataa ammoo mana hidhaa Ketziot jedhamurraa gara Kibba Israa'el Kareem Shaaloomitti gadhiifaman. Bakki kun daangaa Gaazaaarratti argama.
Ibsi waajjirichaa hidhamtootni kun poolisiin dabaalamanii gaggeeffaman.
Similar posts:
Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.
Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.
Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.