Suudaanitti haleellaa kaampii buqqaatotaa irratti raawwateen daa'imman 17 du'uun himame.
Published Oct. 13, 2025, 3:02 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Suudaanitti haleellaa kaampii namoota sababa lola naannichatti taasifamaa jiruun buqqa'an irratti taasifameen lubbuun daa'imman 17 darbuun, daa'imman 21 miidhamuu UNICEF’fif gabaafamuu miidiyaaleen garagaraa eeran.
Akka gabaasa miidiyaalee kanaatti, gareen Ebla 2023 kaasee Humnoota Waraanaa Suudaan lolaa ture, ‘Rapid Suport Forces RSF’ haleellaa Sambata darbe taasiseen namoonni haga 60 ta’an du’aniiru.
Lolli kunis gaaga’ama mirgoota namoomaa uumun namoonni miiliyoona 10niin lakkaa’aman beela hamaa keessa akka galan taasiseera.
“Haleellaan hamaan daa’immanii fi maatii duraanuu buqqa’anii nageenna barbaadan irratti raawwatame kun gara jabummaa guddaadha,” jedhan Kaatiriin Raasil, Daarektarri Ol'aanaa UNICEF.
“Daa’imman ajjeesuu fi madeessuun mirga isaanii hammeenyumman sarbuu yoo ta’u, haleellaan namoota nagaa irratti iddoo quubsumaa, bakkeewwan nageennaafi dahoo quubsuma godaantotaa kennuuf yaadamanitti, raawwatamus sababa kan hin qabneedha.”
El Fasheer guyyoota 500 oliif humnoota RSF’n marfamee kan jiru yoo ta’u, sochii, nyaata, bishaanii fi kunuunsa fayyaa akka hin arganne daangesseera.
Daa’imman baay’ee dabalatee lammiileen nagaa irra deddeebiin haleellaaf saaxilamuun, haalli jireennaa isaanii itti hammaataa dhufeera.
Kaaba Daarfuur keessatti naannoleen hedduun ji’ootaaf beelaaf kan saaxilamaa jiran yoo ta’u, haalli wabii nyaataa fi soorata daa’immanii bulchiinsa kanaa sadarkaa yaaddessaa irra ga’eera.
Maatiin nyaata garmalee xiqqaadhaan kan jiraatan yoo ta’u, hanqinni nyaataa daa’imman biratti baay’ee dabalaa jira.
Dhaabbileen fayyaa akka gabaasanitti, du’i daa’immanii ittifamuu danda’u kan beelaafi dhukkuba waliin walqabatee dhufu dabalaa jira.
Daandiiwwan dhiyeessiif oolan addaan cituu, konkolaattonni qarqaarsaa saamamuufi qarqaarsi namoomaa dhoorgamuun, carraaqqii qarqaarsaa taasifamaa jiru akka itti hin fufne taasisuun qormaata ta’uu ibsame.
Similar posts:
Ogeeyyiin fayyaa Naannoo oromiyaa iddoowwan garaagaraattii argaman kaffaltii hojii saa'atii idileen alaa Wal qabatee rakkoo keessa Akka jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa komii isaanii dhageessisaa jiraachuun barame.
Projektiin Buufata Xiyyaara Bushooftuu namoota 15,000 qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqise jedhame.
Godina Salaaleetti kan argamu hojjattoonni Hospitaala Waligalaa Kuyyuu baatiiwwan arfan darbaniif kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa nuuf hin kafalamnee jedhan.
Godina Arsii, Aanaa Roobee Magaalaa Saddiiq keessatti qaamni mootummaa dargaggota mana hidhaatii baasanii dararaa hamaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen dubbatan.