Lola Walloo Kaabaatti dhiyeenya dabalaa dhufeen namootni du’uu fi madaa’uun gabaafame
Published Oct. 11, 2025, 1:30 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Lolli haaran humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannooo Amaaraa gidduutti Naannoo Amaaraa, addattuu Godina Walloo Kaabatti as dhiyeenya kana dabalaa dhufe lubbuun namootaa galaafachuufi hedduu madeessuu Waldaan Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) beeksise.
Dhuma ji’a Fulbaanatti haalli namoomaa daran hammaachuu kan gabaase ICRC, “lolli akka tasaa naannichatti hammaate namoota hedduu miidhuu, loltoonni qabamuufi rakkoolee hammaatoo namoomaa biroon” kana hordofsiisuu eere.
“Guyyoota darban keessa namoonni baay’een du’an yookan madaa’an,” jedha hogganaan garee Laallibalaa ICRC Maartiin Taalmaan, iddoowwan caalman miidhaman Qulmaskiifi Mujjaa deebi’uun. “Hogeeyyiin giddugala fayyaa iddichaa loltootafi namoota nagaa madaa’an meeehaalee yaalaa xiqqoo jirtu fayyadamuun yaalaniiru. “Namoonni booji’aman 16 akka malee waan miidhamaniif tajaajila baqaqsanii yaaluu argachuuf dafanii achii ba’uu qabu ture. Lubbuu namoota shanii baraaruf yeroo muraasa qofatu jira ture” jedhe.
Lolli kun erga ka’ee Laallibalaafi Waldiyaatti, akkasumas naannawaa isaanitti dhiyeessiifi qoricha buufatoota fayyaa ja’aaf akka geessaniif torbee darbe keessa garee balaa tasaa bobbaasuu Waldaan Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) ibse. Dhiyeessiin kun meeshaalee baqaqsanii yaaluu namoota garmalee miidhaman 250 ga’u ta’uu eere.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan