Godina Wallagga Bahaa ona Giddaa Ayyaanaatti humnoonni finxaaleyyiin konkolaataa dhaabsisanii uummata saamuun dhagahame.
Published Oct. 1, 2025, 3:23 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Akka Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennanitti, Angar Guutee bakka Warabboo jedhamutti konkolaataa Giddaa irraa gara Naqamtee deemaa ture dhaabsisuun nama saaman jedhan.Kana malees namoota lakkoofsi isaanii ammaaf adda hin baanes konkolaataa sana keessaa ukkaamsanii fudhatanii akka deemanis jiraattonni maddeenitti himanii jiru. Rakkoo walfakkaataan akkanaa irra deddeebiin waan raawwatamaa jiruuf, Mootummaan humna kana guutuutti adamsee hanga naannawaa sanaa hin dhabamsiifnetti, finxaaleyyii hidhatanii nama nagaa fakkaachuun jiraatan hanga hin hiikkachiifnetti rakkoon uummataaa furmaata argachuu hin danda'u jedhu jiraattonni.
Rakkoo finxaaleyyiin uummata nagaarraan ga'aa tures irra deddeebinee gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.
Similar posts:
Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan
Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan
Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.
Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan