Dargaggoonni Madagaaskaar jireenyi itti ulfaatee fincila kaasaniin preezidaantiin biyyichaa mootummaa isaa diiguf dirqame

Published Oct. 1, 2025, 1:30 p.m. by FNN Staff

496



ODUU FNN

Dargaggoonni Madagaaskaar haalli jiruu fi jireenyaa itti ulfaachuun fincila lubbuu namoota 22 galaafatee namoota 100 ol irra miidhaa geessise erga taasisanii booda Pirezidaantiin biyyichaa Andirii Raajoohiliinaan mootummaa isaa diiguf dirqamu Aljeziiraan gabaaseera. 

Dargaggoota caalmatti mufachiisuun hiriira mormii kana kan kakkaase hanqina bishaanii fi elektiriikii ta’uu yoo gabaafamu, labsiin yeroo attattamaa labsamus mormichi torbee darbeerra kaasee haga yoonatti magaalaa guddaa biyyattii Antanaanaarivoo keessatti itti fufuun himame.

Hiriirri mormii kun harka caaluu miidiyaalee hawaasaa, keessattuu Feesbuukiin, qindaa’un isaa kan himame yoo ta’u, qindeessitoonni mormichaa Neeppaal, Morookoo fi Keeniyaa irraa muuxannoo akka fudhatan himan.
Hiriira kanarratti alaabaan Finciltoonni “Gen -Z” Neeppaal fayyadamamaa turan fayyadamamuun ibsame.

Pirezidaantiin biyyichaa Raajoohiliinaan gama isaaf kufaatii mootummaa isaaf dhiifama gaafachuun dargaggoota kana waliin mariif dhiyaachuuf waamicha dhiyeessan. Akkasumas, dhaabbilee daldalaa sababa mormii kanaan miidhaman akka deeggaran himuu gabaasichi ibse.

“Miseensonni mootummaa ga’ee isaanii yoo ba’uu baatan dhiifaman gaafadha,” kan jedhan pirezidaantichi, “aarii, gaddaa fi ulfaatina jireenyaa hanqina bishaanii fi elektiriikiin dhufan nan hubadha,” jedhan.


Similar posts:

Baqattonni Itoophiyaa 65 Sa'uudiitti du'a eeggataa jiran birmannaa gaafatan

Sudaan Kibbaatti namoonni miiliyoona saddeetitti dhiyaatan balaa beela hammaataaf saaxilamuuf jiru jechuun dhaabbileen miti - mootummaa akeekkachiisan

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay kan mootummaan federaalaa yeroo aangoo bulchiinsa isaanii waggaa 1f dheeresseef kaleessa kaabinee isaanii walgahii waamanii waliin marii irra turan.

Haleellaa Matakkalitti raawwateen ''hojjattoonni qeeraa torba ajjeefamuu'' jiraattonni himan