Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abee Dongoroo keessatti humni finxaalessi Faannoo guddaan walitti qabamee jiraachuu odeessi maddeen dhaqqabe ni mul’isa.
Published Aug. 12, 2026, 6:26 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abee Dongoroo keessatti humni finxaalessi Faannoo guddaan walitti qabamee jiraachuu odeessi maddeen dhaqqabe ni mul’isa.
Jiraattonni naannichaa akka jedhanitti, humni Finxaaleyyii Faannoo guddaan yeroo ammaa eddoo qubattoonni jiran keessatti, bakka addaa Gorfee jedhamutti walitti qabamee jiraachuu himameera.
Akka maddeen naannichaa ibsanitti, humni kun lakkoofsaan baay’ee ta’ee bakka tokkotti walitti qabamaa jiraachuun Uummanni yaaddoo nageenyaa hamaa keessa jiraachuu maddeen beeksisanii jiru.
Maddeen naannichaa dabalataan akka himanitti, humni walitti qabame kun haleellaa raawwachuuf qophii taasisaa jiraachuu fi yeroo kamiyyuu sochii jalqabuu danda’u yaaddoo jedhuun sodaa guddaan jiraachuus ibsamee jira.
Haalli kun jiraattota naannichaa biratti sodaa fi yaaddoo nageenyaa uumee, uummanni tarkaanfii ofeeggannoo akka taasifatuuf ergaa ariifachiisanis darbee jira.
Jiraattonni naannichaa, nageenya uummataa fi qabeenya isaa eeguuf, uummanni naannoo sanaa ofeeggannoo cimsuu akka qabu waamicha dhiheessaniiru.
Akkasumas, qaamoleen mootummaa itti gaafatamummaa nageenyaa qaban odeeffannoo argame kana irratti xiyyeeffannoo kennuun, humna walitti qabamaa jiru kana irratti tarkaanfii barbaachisaa fi seera qabeessa ta’e akka fudhatan gaafachuun isaanii ib
Similar posts:
Tigray: Reeffi Loltoota TPLF 15 Laga Satiit Keessatti Argamuu Gabaafame; Walitti Bu'iinsi Daangaa Hammaachaa Jira
Beeksisa Fnn
Pirezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddasaa Worradaa Mana Hidhaa Hin Beekkamneetti Fudhatamuu isaanii Gabaafame.
ABUT humnoota bulchiinsa Muummee Ministiraa Abiy morman waliin tumsa uumuun murteessaa ta’uu ibse